Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xiinxala Hayyuu Seeraa : Dhimma Obbo Baqqalaa Irratti Abbaa Alangaa fi Mana Hidhaa Qiliinxoo Gidduu Wal Hubannaan Jira


Itti-aanaa dura taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa mirgi wabii kabajameef akka hidhaadhaa hiikamanii dhimma isaanii ala deddeebi’anii falmatan manni-murtii waliigalaa federaalaa Wixata dabre ajajuun isaa ni yaadatama.

Ta’us bulchiis mana-hidhaa Qilinxoo gaaffii adda addaa kaasuu isaan sana hordofees dhaddachi ijibbaataa ajaja kenname akka hojii irra hin oolfamne ugguree jira.

Gaaffii manni-hidhaa Qilinxoo manicha-murtii akka Obbo Beqqeleen wabiin gad-lakkisamu murteessetti erge lakkoobsi ittiin murtiin kun kennamee fi lakkoobsi jalqaba Obbo Beqqeleen ittiin himataman wal hin simatu ka jedhu ture.

Dhuma irratti manni hidhaa Qilinxoo dhaddacha ijiibbaataa biraa ajajii isa dhaqqabuu isaa ibsuun Obbo Baqalaan gadhiifamuu hin danda’uu jechuun bellamnii biraa kennamuu ibsee jira.

Deemsii kun ija seeraan akkamitti ilaalama? Abukaatoo seeraa kan mana-murtii federaakaa fi Oromiyaa Obbo Ibsaa Gammadaa haasofsiisnee jirra.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame Caqasaa

Xiinxala Hayyuu Seeraa : Dhimma Obbo Baqqalaa Irratti Abbaa Alangaa fi Mana Hidhaa Qiliinxoo Gidduu Wal Hubannaan Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:26 0:00

XS
SM
MD
LG