Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamaan Shororkeessaa Magaalaa New York Du’aan Adabamuu Qaba: Prezidaant Traamp


Pezidaant Doonaald Traamp lammiin Uzbek kan magaalaa New York keessatti konkolaataa namatti oofuun namoota saddeet galaafate du’aan adabamuu qaba jedhanii gara waaltaa US kan shakkamtoonni shororkeessotaa keessatti hidhaman Guantanamo Bay cuba keessatti ergamuu isaa ilaalchisee garuu of qusataniiru.

Traamp akka jedhanitti shorokeessaa New York keessaa kana Grantanamotti erguu nan fedha garuu adeemsi isaa kan mana murtii US keessatti geggeessamu caalaa dheerata jedhan.

Bakka inni yakka suukaneessaa raawwate keessa tursuun sirrii dha kan jedhan Traamp kan umuriin waggaa 29 Sayfullo Saipov NY keessatti himatamee adabi du’aa murtaa’u saffisuu qaba jedhan.

Traamp yakka kana ergaa twitter Roobii galgala maxxansanii cimsanii balaaleffatan.

Shorokeessaan NY keessa kun alabaan ISIS kutaa hospitaala inni keessa ciisutti naaf haa fannifamu jechuu dhaan gammachuun gaafate. Haleellaa kana illee torbanneen hedduu dura karoorfachuu isaa Saipov qorattootatti himee jira.

XS
SM
MD
LG