Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Raayyaa Waraanaa Itiyoophiyaa Dabalaataa Daangaa Qaxxaamuranii Somaaliyaa Seenuun Gabaasamee

  • VOA

Loltoonni raayyaa waraanaa Itiyoophiyaa, duula mootummaan Somaaliyaa hidhattoota Al-shabaab irratti geggeessuuf karoorfate deggeruuf jecha, daangaa qaxxaamuranii Somaaliyaa seenuun gabaasamee jira.

Magaalaa daangaa irraa Doolloo jedhamtu, kan kutaa Somaaliyaa – Geedoo keessatti argamtu irraa jiraattonni, har’a ganama yoo xiqqaate konkolaatota soddoma loltoota Itiyoophiyaa fe’atanii gara daangaa Somaaliayaatti seenan arguu isaanii dubbatu.

Namoonni ijaan arganii fi akka maqaan isaanii hin himamne gaafatan, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, kutaa Afaan Somaaleef ibsan akka jedhanitti, loltoota Itiyoophiyaa kuma tokko tu Somaaliyaa seene. Konkolaatota waraanaa fi konkolaatota fe’isaa qawweeleen guutamaniin gara Somaaliyaatti seenan – jedha – jiraataan tokko.

Itiyoophiyaan akka qaama humna naga-eegumsaa Gamtaa Afrikaa yokaan AMISOM-tti loltoota kumaan lakkaawaman Somaaliyaa keessaa qabdi.

Kan VOA-n quunname – aangawoonni Somaaliyaa naannoo sanaas, sochiin humna waraanaa Itiyoophiyaa inni har’aa kun dhugaa ta’uu mirkaneessanii dubbatan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG