Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Baqqalaa Garbaa Har’as Hidhaa Hin Baane


Bekele Gerba
Bekele Gerba

Itti aanaa dura ta’aa Kongreesa Federaalawa Oromoo kan ta’an Obbo Baqqalaa Garbaa wabii qarshii kuma soddomaan akka hidhaa ba’an manni murtii Federaalaa kan walii-galaa kaleessa murteessuun isaa ni yaadatama.

Garu manni hidhaa qilinxoo gaaffii kaaseen Obbo Baqqalaa Garbaa har’a iyyu hin gadhiifamiin jiru.

Manni hidhaa Qiliinxoo akka jedhutti himannaa jalqaba obbo Baqqalaa Garbaa irratti dhiyaatee galmeen ittiin banamee kan shoroorkeessummaa ta’e ituu jiru murtiin kaleessa wabii qarshii kuma soddomaan akka ba’an itti ajajame garu yakka idilee waan ta’eef haa sirreefamu jedha.

Manni murtii waliigalaa deebii kennen himannaan shoroorkaa irraa kaafamuu fi yakka idileef immoo wabiin ba’uuf mirga akka qaban ibsuun xalayyaa ergee jira.

Manni hidhaa qilinxoo garu xalayaa kan biroo mana murtii isa jalqaba dhimmi Obbo Baqqalaa ilaalaa turetti dhimmicha deebisee jira.Abukaatoo obbo Baqalaa keessaa tokko kan ta’an Obbo Abduljabbar Huseen arguuf carraaqqiin goone hin milkoofne.

Gaaffii fi Deebii Obbo Mulaatuu Gammachuu waliin gaggeeffame caqasaa

Obbo Baqqalaa Garbaa Har’as Hidhaa Hin Baane
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:56 0:00

XS
SM
MD
LG