Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Baqqalaa Garbaa Wabiin Akka Gadhiifamaniif Murteeffamee Jira


Kongreesa Federaalwaa Oromoof (KFO) itti aanaa dura ta’aa kan ta’an Obbo Baqqalaa Garbaa Himannaa shoroorkaa irratti dhiyaatee ture erga irraa haqamee booda himata yakkaa irratti dhiyaatee wabiin gadhifamanii alaa deddebi’anii dhiyaachuuf gaaffii dhiyeessan manni murtii gad aanuu kuffisee ture.

Akka seera jiruutti namnii himatii yakkaa irratti dhiyaate wabiin gadhifamuuf mirga qabaatuu iyyu baatii haagayya darbee qabee Obbo Baqqalaan dhoorkamanii hidhaa keessa turan.Ol-iyyannaan dhaddacha iyyata dhaggeefatu kan mana murtii walii gala federaalaa dhiyaatee tureen har’a wabii qarshii kuma soddomaan Obbo Baqqalaa Garbaa hidhaa ba’anii ala turuun dhimma isaanii hordofuu akka danda’an murteeffamuu abukaatoo isaanii ka ta’an Obbo Abdul Jabbaar Huseen ibsanii jiru.

Gaaffii fi Deebii Gaggeeffame Caqasaa

Obbo Baqqalaa Garbaa Wabiin Akka Gadhiifamaniif Murteeffamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:39 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG