Xurree ittiin seenan

Adoo Sawudiin qabeenna isaanii qabdellee horiin Alamuddiin akkuma durii Itoophiyaatti investimentii hojjata jedha Muummeen Ministera Itoophiyaa

  • VOA

Muummee ministera Itoophiyaa,Hayilee Maariyam Dessaalenyi

Dureessii Itoophiyaa doolara biliyoona 10 oli qabaa jedhan,Sheek Mohaammad Alamuddiin nama 208n mootummaan Sawudii horii seera alaa tuulatanii fi waan akka akkaatiin himate keessaa tokko.

Mootummaan Itoophiyaa waan hidhamuu Sheek Almuddiini Swudiitti tana bulchoota Sawudiitii dubbii tana keessaa beekaniin wal dubbachuutti jirraa jedha.

Alamuddiin akka jecha muummee ministera Itoophiyaatti nama investimentii wayyaa qabdu Itoophiyaa keessatti hojjachuutti jiru.Gara dubbiin isaan hidhan tun deemtu faanuma jirraa jedha.

Taatullee akka muummeen ministera Itoophiyaa,Hayilee Maariyam Dessaalenyi jedhetti adoo mootummaan Sawudii qabeenna dureeyyii tanaa irraa qabellee horiin Alamuddiin gargaarsa mootummaatiin akkuma durii hujii investimentii hojjata.

“Hujiin innii Itoophiyaa keessatti hojjatu faaydaa waan qabduuf akkuma durii deemti gargaarsa mootuimmaallee itti argattee duratti deemti.”

Gama kaaniin ammoo akka muummeen minsitera kun jedhutti oduun dhiyoo tana OPDU fi paartileen EHADEG waan daangaa Somaalee fi naannoo Oromiyaa irrati wal dhaban jedhan dhugaa miti.

“Amalii paartii mari irratti yayyabamee wal falmaa eegee irratti yaadii namii hedduun fudhate waan dabruuf sun namii ammoo waan wal dhaban seha,” jedha.

Wannii paartii OPDO fi paartilee dhibiillee wal dhabsiisaa hin jirtu jedha obboo Hayilee Mariyam.

Gama dhibiin ammoo paartiin OPDO paartii dhibiilleen wal dhaba qaban jechuulleen dharaa jedha.

“Maanti wal dhabsiisa? Wannii wal dhabsiisaa hin jirtu.Karoora tokko qamnaa. Seeraan bulla.Me kora paartilee cufaa laalaa.Afranuu afaanuma tokko dubbatan,”jedha”

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG