Xurree ittiin seenan

Zimbaabuween fittee irra jirti harka pirez. ganna 38 caalaa isii bulchee,Roberti Mugaabetii bahuutti jirtii falii inni niitii ufii hujii tana dhaalchisuf dhatelleen hin taaneef

  • Soraa Halakee

Magaalsaa Mugaabee,Haraaree Sadaasaa 15,2017

Zimbabwee, biyya ummata miliyoona 14 caalaa qabdu tun Afrikaa gama Kibbaatiin Laga Zaabeezii fi Limpooppoo jidduu jirti.

Bara 1965 Biritish jalaa baatee bara 1980 keessaa bilisummaa tana mirkansaniif. Hagasii achii Rooberti Gabriheel Mugaabeetti bulchuutti jira.

Mugaabeen biyya tana kophumatti baasee rigee bulchaa bahe.Jireennii biyya isaa gaduma deemaa ka maatii isaa oluma deema.

Kalee ammoo waan namii takkuma hin eeginitti tahe.Waraanii biyya sunii taanikii guurratee teessoo mootummaa isii Haraareetti baafate.

Pirezidaantiin Zimbaawee Rooberti Mugaabee haga ganna 40 biyya isaa bulchaa bahee ganna 93 gahee jennaan jaartii ufii, Grace Mugaabee dhaalchifachuuf itti aanaa isaa hujii irraa gusse.

Dhirsaa fi niitii pirezidantumaa walii dhaaltu tanatti ammoo barana dubbiin hin itti kasanne.Guyyaa kun hinuma dhufaa jedhee namuu quba hin qabaanne amma ammoo namuu argumatti jira.

Jireennii zimbaabuwwee ganna kurnya hedduutii asitti gaduma deema, caasaan fayyaa isii gargar haharcahe,filannoon isii abbaa dhabde, guddinnii isiilleen maquma bara 1980 isiin bilisoomtee jalatti hafe.

Dhiyoo tana keessaa namii garuma jabaatee hiriraaf karaatti yaa’e malee waan akkasiituu irra hin bahan.Gazexesitotallee afaan qaban.

Namii biyya isii isii miliyoonii hedduulleen biyyuma ufii keessatti ormaa tahee kaan biyya itti aanutti baqate.

Tun cuftii mootummaa pirezidaanti Mugabee diqqumallee hin munyuussine fuluma ufii jira.

Mugaabeen niitii ufii namilleen guddoo hin jaalannee Grace Mugaabee pirezidaantii tolfatee ufi dhaalchisuuf jedhee itti aanaa isaa irraa gussee jennaan hajajaan waraana biyya isaa Zimbaabuwee seeratti deebisuuf itti seene.

Piers Pigou, dhaaba mirga namaa qoratu, International Crisis Group keessa hojjata.Mootummaa Mugaabee fittee irra ejja jedha.

"Torbaan dabree fi dhiyoo tana keessaa wa jabaatanii jennaan wannii tahuu male taate.Itti seenaa jedhe jennaan namii woma akka taphaa sehe.Itti seenu dhiisii waan xeerraa isii bahuu hin seene.Dubbiin tun haga guddaan ammallee harkuma Mugaabe isaa jirti.”

Kalee qaraa taanikilee waraanaatti karaa gugurdoo teesso mootummaa Zimbaabuwwee Haraareetti baafate.Miilallee hin dhaabannee oduu himaan waraanaa zimbaabuwwee Major Genereal SB Moyo akkan jedhee namii waa jedhu dhabee afaan qabate.

"R.G Mugabe fi warrii isaalleen namaa qabaa tun waan sodaatan hin qabdu.Warra isa marsee wajala hojjachuun beekanitti wa yakke.Jara kanatti jireenna biyyaa qilee buuse.Warra kana seeraan himanna,” jedha.

Paartiin Mugaabee faatinuu itti aanaan pirezidaantii hujii irraa gussanii biyyaa bahe Mnangagwa akkuma seerilleen jedhu hujii ufiitti deebihuu hin dandahaa jedhee sabqunnamti hawaasaa irratti barreessite.

Taatullee akka ogeessii dhaaba International Crisis Group, Pigou jedhutti bulchiinsii jijjiiramuun qoftii ufumaan jireenna Zibmaabuwwee hin jijjiirtu.


"Wannii hagii guddoon harka paartii mootummaa kanatti bulchitu irra jirti. Itti aanaan pirezidaantii hujiitti hinuma deebi’aa jennee eeganna.Tun ammoo akka siyaasaa keessaa namii qooda qabaatu tolcha.Tun ammoo jireenna biyya tanaa karaa akka akkaatiin wayyeessuu dandeetti.

Jireenna biyya tanaa ganna hedduuf dhukkaahe mimmidhaassuuf waan hedduutti tahu male jedhaMugaabeen fi jaartiin isaa yo akkanaa maan tahahan re?Namilleen tanuma jechuutti jira.

Ogeessii siyaasaa yuniversitii Kent, Alex Magahisaa ammoo jaallan Zimbaabuwee jaala isaani kana bara jabaa akkanaatti lafumatti biraa hin yaa’an jedha.

"Wal dhaba bulchiinsa irratti wal dhadhabanii jaraayyuu dhibuu dandeettu tana dhiisuuf jedhanii biyyaa bahuu fa dandahan. Warrii maatii Mugaabeetiin harka wal keessa qabutti ammoo dubbiin jabaachuu hin dhabdu.”

Biyya tanatti wannii namii jechaa bahee ‘eeyee Mugaaeen dhuguma baanee’ warra tana dide ammoo ulee fi arraabaa hidhaatti guuran.Amma ammoo akkasii miti.Jabaan kaan adoo womaa hin beekin lafumaa kahee ‘baphi’ jedhee lafa dhahe.

‘Ta dabartu dabartee ta harkaa qabdan jabeeffadhaa ta dhuftu waliin eegannaa,’ baanan taan fakkaatti.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG