Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaan ganna 18f Federeshiinii Atileetiksii biyyoolessaa keesassaa nama isii fulaa bu’ee murtii gugurdoo irratti qooda qabu hin qabaanne


Oromiyaa
Oromiyaa

Oromiyaan diqqaattullee waan toletti jiraa jettee federeshiinii atileetiksii Itoophiyaa waliin hojjachuutti jriti
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:36 0:00

Federeshiiniin atileetiksii biyyooleesaa qooda hujii gugurdoo hedduu qaba. Koreen hujii raawwachiiftuu atileetiksii biyyooleessaa atileetii fi leenjsisaa biyya fulaa bu’ee dorgommii fi huji akka akkaatiif biyya alaa dhaqu filti.Atileetii biyya fulaa bu’ee deemu, leenjsiaa atileetii biyya alaatiin dhaquu fi murtii gugurdoo irratti wa mura.

Naannoon Itoophiyaa sagallanuu akka jecha leenjisaa Toleeraa Dinqaatti federeshiinii biyyooleesaa keessaa adoo itti gaafatamummaan tahee, miseensa koree tahe nama isaan fulaa bu’u qaban.

“Keessumattu fiigichii Oromiyaaf aadaadhaa.Yerroo dheeraadhaaf akka biyyatti beeksisaa jirrutti,akka addunyaa tana irratti gootata baayyee horannetti kabaja baayyee hin qabaanne,” jedha.

Oromiyaan rakkoo akkanaa tana marroo hedduu himachaa baate.Akka rakkoon jedhan hedduun fala argattu gaafachaa bahan.

Oromiyaan kilabii atileetiksi 20 qabdi.Akkuma kilabii hedduu qabuun koree hujii raawwachiiftuu federeshiinii keessallee nama qabaachuu feeti.Nama achii dhabuun ammoo murtii gama atileetiksiitiin dhuftu keessaa qooda dhabdi.

Akka tana qajeelchan jedhanii Oromiyaan dorgommii federeshiiniin biyyoolessaa qopheessuu cufaa keessaa baate amma itti deebite.Waan wayyaahetti jiraaf itti deebite.

Waan Oromiyaa federeshiinii atileetiksii biyyoolessaa waliin hojjachuutti deebise keessa tokko koloneel Daraartuu Tulluu itti aantuu pirezidaantii federeshiinii atileetiksii biyyooleessaa taatee Hayilee G/Sillaaseetti aantee filatamuu. Oromiyaa federeshiinii keessaa nama lama qabaachuu fa.Sileshii Siini fi Maarqos Gennetii faatilleen warra Oromiyaa fulaa bu’ee koree hujii raawwachiiftuu federeshiinii atileetiksii biyyoolessaa keessatti filatame keessaa tokko

Taatullee akka jecha leenjsiaa Toleeraatti ammallee waan qajeeluu male hedduutti jira.

Woma taateefuu federeshiiniin atileetiksii Oromiyaa kalee jalqabdee federeshiinii atileetiksii biyyooleessaa waliin hojjachuutti jirti qabsoon itti fututi jedha obboo Toleeraan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG