Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan barana Shaampiyoonaa Addunyaa fi Afrikaa afur dorgomte,Serenaa Wiiliyaamsilleen uulmaa baatee dorgommiitti yadeebite


Bitaa gara mirgaa atileeti Almaaz Ayyaanaa fi atileeti Amerikaa Teenisii tapachuun saadan Serenaa Williyaamsi
Bitaa gara mirgaa atileeti Almaaz Ayyaanaa fi atileeti Amerikaa Teenisii tapachuun saadan Serenaa Williyaamsi

Bara 2017 dhuamchuuf guyyuma jahatti hafe. Atileetotii Itoophiyaa barana Shaampiyoonaa Addunyaatii fi Afrikaa dorgommii biyya keessaa fi alaallee hedduu irratti dorgoman.

Akkuma kanaan Itoophiyaan shaampiyoonaa addunyaatii fi Afirkaatii 4 dorgomte dorgommii biyya keessaa gugurdoo ammoo 10 irratti dorgomte.

Akkuma kanaan dorgommii biyya keessaa gugurdoo 10n kana Oromiyaatti tokkeessoo bahee,naannoon Amaaraa ammoo lammeessoo baate Naannoon Kibbaa sadeessoo.

Gama kaaniin dorgommiif fiigihcha atileetotii Oromiyaa “lammii tiyyaaf fiiga” jedhanii Jimaata dabre Finfinneetti qopheessuuf ya duratti dabarsan.

Nama hedduutti hubbaara ykn T-Shirti naqatanii dorgomaniin fedha.Akka namuu kana argatu tolchuuf torbaan itti aanaatti dabarsan jedha warrii kopheesse.

Horii achii argataniin Oromoo wal dhaba naannoo Somaaleetiin baqatte gargaaran.Atileetiin Amerikaa dorgommii teensii dirree addunyaa tapachuun beekamtu, Serena Williams uulmaa haga torbaan afurii fixatee amma torbaan dhufu biyya UAE magaalaa Abu Dhaabii irratti dorgommiif dhufti.

Serenaan nama ganna 36ti dorgommii Shaampiyoonaa Teenisii Addunyaa magalaa Mubadala qopheessan irratti Jelena Ostapenko atileetii Laativiyaa waliin dorgomti.

Sereenaan fulbaana dabre dubraa deettee. Nagaan sablattee daahimii sii guddataa haadhaa-abbaa bulfata jenneen.

Gama kaaniin ammoo obboleetiin isii ta dorgommii teensiii dirreetiin addunyaa beekan Venus Williams waan armaan duraan himataniin makiinaan isiin ooftu makiinaa nama dhibiitiin mataan wal dhahee namii makiinaa dhibii keessa jiru ganna 78 du’e waan sun qoratanii balleessaan ta isii jedhaniin amma ya jalaa baate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG