Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yuniversitii Adaamaatti guyyaa dallaa keessaa galgala ammoo doormiiyyuu gadi nama hin baasani poolisiin ijoollee hedduu achi hiite jedhan


Yuinversitii Adaamaa
Yuinversitii Adaamaa

Yuniversitii Adaamaatii galgala saatii 2n duubatti doormiiyyuu gadi nama hin baasan
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:59 0:00

Barattootii yuniversitii Adaamaa dhiyoo tana barumsatti dachaane jedhan dhiyoo tanallee waan hedduu himachuutti jiran.

Jarilleen akkuma barattoota yuniversitii Oromiyaa hedduu ummata rakkoo keessa jiru gargaarra jedhee baruma dhiise keessaa tokko.Barattoota hedduutti rakkoo himachuutti jira.

“Erga barumsatti deebinee torbaan lama caalee jira. Barumsa yeroo tokko tokko seenna malee barumsii hin jiruu ijoolleen hin seentu. Nageenyii gibbii teenyaa haala gaarii keessa hin jiru jedhanii bahuu nama dhowwan.Ijoollee hedduu shororkeessoo jedhanii hidhan,” jedhan.

Rakkoon dhibiin ijoolleen himattu ammoo ta guyyaa fi galgalallee dallaa fi doormii bahuu dhowwan jedhan.

"Gibbii irraa bahuu hin dandahamu.Gibbuma keessatti ugguramnee taa’aa jirra..Seenuu malee bahuun hin dandahamuu.Barattoota hedduu doormii irra deemanii tuman.Fkn barattuu waggaa 4ffaa applied biology(damee barumsa biloojii) Daraartuu Abbayyaa akka malee tumamtee miidhamtee amma hospitaala Adaamaa jirti,” jedha barataan yuniverstii Adaamaa.

Akka jarii jedhutti poolisi federalaa akkana nama dhaana ijoollee hedduu hidhanillee. Isin ashabbaarii jedhanii ijoollee nagaa tuman.”

Itti aanaan pirz.Yuniverstii Adaamaa Dr.,Shiferrawu rakkoo tana silaa damee yuniversti ta dhibiitti deebi kennuu male jedha. Taatullee galgala wannii saatii 2n duubatti ijoollee doormii bahuu dhowwaniif hajaja ministera barnootaa irraa dhufe.

Yuniversitii Itoophiyaa haga tokko keessatti akka lafti nagaa taatutti ijoollee galgala saati lamaan duubatti alatti bahuu dhowwan jedha.

Dr.Shiferrwau barattoota hidhamab quba hin qabu jedha taatullee wannii innii quba qabu "ka ani quba qabu warrii adeemsa baruu fi barsiisuuf gufuu tahan adda bahanii akka gibbiidhaa bahan taheera,” jedha.

Akka barattootii jedhanitti waraanii federaalaa hedduu yuniversstii Adaamaa keessa jiraa waan hedduun ijoollee rakkisuutti jira jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG