Xurree ittiin seenan

Breaking News

'Mootummaan humnuma Maaykelaawiin cufee hidhaa namaan baasuu suniin lola daangaa ka Oromoo kuma dhibba hedduu baqachiisellee dhaabuu male’


'Hajajuma Maaykelaawiin cufanii namaan hiikanim wal dhaba daangaa Oromiyaa fi Somaalee dhaabu malan'
'Hajajuma Maaykelaawiin cufanii namaan hiikanim wal dhaba daangaa Oromiyaa fi Somaalee dhaabu malan'
'Hajajuma Maaykelaawiin cufanii namaan hiikaniin lola daangaa Oromiyaa fi naannoo Somaalleellee cufuu malan'
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:37 0:00

Bulchotii paartii biyya bulchitu ADWUI-n kora guyyaa 17 taa’aniin rakkoo biyya keessaa hedduuf fala barbaaduuf jedhanii ibsa baasan.

Rakkoolee tana keessaa tokko mana hidhaa Maaykelaawii cufanii,abbootii siyaasaallee hiikuuf labsan.

Tana namuu abdiin eegachuutti jira.”Ibsii isaan baasan gaariidha garuu nama hin baasan jedhanii hin baasenee eegaa jirra."

Kaan ammoo mootummaan nama siyaasaan hidhame hin qabu jedhee eegee ammoo akka qabu amanuunuun waan waan tokko jedha.

Mootumaan humnuma Maaykelaawwiin cufee,abbootii siyaasaallee hiikuuf qabuun lola daangaa Oromiyaatii fi Somaalee nama kuma dhibba hedduu baqachiisellee biyya irraa cufuu malee ka jedhulleen hedduu.

“Hangoo ammaan tana Maaykellaawiin cufuuf qabaate tana daangaa Oromiyaa; Mooyyalee haga Harargee Bahaa lubbuun namaa irratti baduutti jirtullee dhaabuu qaba.”

Namii ibsa paartii ADWUI akka akkaatti laala;hagii tokko waan namaan doorsisan jedhaa kaan ammoo waan abdiin eegatan qabaa mootummaan balleessaa ufi fudhachuun fkn dansaa jedha.

Gama kaaniin ammoo namii hagii tokko wanni obboo Abduulaa Gammadaa hujiitti deebi’eef waan gaafiin innii gaafate fudhatama argatteef jedha.

Warra dubbii tana keessa beenna jedhe keessaa nama Rooba jedhee Finfinnee yaada kana nutti hime. Abaan Duulaa waan jaha gaafate

1.Akka warra siyaasan hidhan gadi dhiisan

2.Akka mootummaan Federaalaalleen Oromiyaa waliin tahee Oromoo ka daangaa Somaalee irraa baqachiisan gargaaru

3.Warrii wal dhaba daangaa irratti nama ficcisiisee baqachiise seeraan gaafatamu

4.Faaydaan Oromoon Finfinnee irraa argattu mirkanaahuuf

5.Lammiin Itoophiyaan mirga seerii kenneefiin sodaan malee hujii irraa ooluuf

6.Waraanii Itoophiyaa keessaa gostii cuftii qooda walqixxee akka qabaachuu malte ka jedhu fa.Obboo Roobii dubbii ufillee keessa beekaa namilleen tauma jedhaa jedha.

“Tokko taanee warra biyya dura yaa’u ka akka obboo Lemmaa, Dr.Abdiyyi, obboo Warqinee fi obboo Abbaa Duulaa jabeessanii nuun deemuutti jiran caqsuu malle,” jedha Roobii.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG