Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan akka namii biyya alaa ijoollee isii Guddifachaan biyyaan hin baamne seeratte


FILE - A pair of sisters adopted in Ethiopia hold flags as they listen to the singing of the national anthem at an adoption day ceremony in New York, Nov. 18, 2010.

Awurooppaa fi Amerikaatti ijoollee Itoophiyaa hedduu Guddifachaan guurratan. Amma gannuma gannaan ijoolleen haga 100 akka kanaan biyyaa bahan malee durii isumaa gannatti ijoollee haga 400 akka kanaan Guddifachaan biyyaa baafatan.

Amma ammoo akka ijoollee Itoophiyaa Guddifachaa jedhee namii biyya alaa hin fudhanne kalee Paarlaamaan Itoophiyaa mure.Yaadii kun seera tahee hin baane malee qaraa woma lafa jiraati.

Akka jecha Ministera Ijoollee fi Dubartii Itoophiyaa obboo Alemaayyoo Maammootti irra jirtii ijoolleetiif jedhanii paarlaamaan Itoophiyaa tana irra gahan.

“Waan dhoorreef keessaa tokko ijoollee tana humnuma ummata keennaatiinu arduma jaraattuu ummatinuu guddisuu dandahaa jennee walii galle.Ijoolleen tun rakkoo hedduu keessa dabarti. Eennumaa ufiitiifuu hin wallalaan.Hidda dhaloota isaanii wallaanan.”

Ijoolleen tun jireenna dansaa waadaa galaniif sun argachuu fi dhibaachuu, guddisa dansaa argachuulleen waan Paarlaamaan laalee keessaa tokko.Seerii kun gaazexaa Negaaritti irratti eegi baheen duubatti seera tahee baha.

Gama kaaniin ammoo lammiin Itoophiyaa biyya alaa jiran Itoophiyaa keessaa ijoollee Guddifachaa biyyaa baafachuu fi dhibaachuu isaanii seeri kunuu diidessee dubbachuuf deema.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG