Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Biyyatti Hogganoota KFO Ragaa Ittisaa Ta’uun Dhiyaachuu Hin Danda’an: Mana Murtii


Manni murtii federaala olaanaa Lidataa dhaddacha 4ffaan mummicha ministeera Itiyoophiyaa Obbo Haayla Maariyaan Dassalany fi aangawoonni Oromiyaa arfan ragaa ittisaa ta’uun dhiyaachuu hin danda’an jechuun har’a murteessee jira.Sababaa manni murtii kennees hojiitu itti heddumaataa, dhiyaachuuf baasii addaa gaafataa, waan haaraa dhufanii dhugaa ba’an hin qaban akkasumas dhiyaachuu isaanti hin amanuu ka jedhu ta’u ibsamee jira.

Qoodii mana murtii silaa eenyu iyyu seeraan ol waan hin taaneef akka dhiyaataniif ajaja dabarsuu qofa ta’e ituu jiru murtii akkasii kennuun seeraan ala jedhu hayyonni seeraa. Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee Gurmeessaa, Obbo Addisuu Bullaallaa fi Obbo Gurmeessaa Ayyaanoof abukaatoo kan ta’an Obbo Ammahaa Mokonneen falmii gama ofii dhageesisuuf gaafatanii “isin hin dhageenyu murteessinee jirra ” deebii jedhu dhaddachii waan kenneef jecha mana murtii dhisanii ba’an jedhu namoonni fi hayyonni seeraa dhaddacha seenanaii turan.

Hidhamtoonni arfan murtii kenname irratti mormii qaban waan dhagesiisaniif jecha “ dhaddacha jeeqxan “ jedhamuun tokkoon tokkoon isaanii irratti hidhaan baatii 6 muramuu beekamee jira. Dhuma irratti immo murtii kennameen kanneen galmee Obbo Ayyaanoo Gurmeessaa irratti himataman maraaf jala murtii kennuuf bellama ammaan dura kennamee ture gabaabsuun guyyaa torba booda jechuun Amajjii 10 bara 2010 bellama haaraa manni murtii kennee jira.

Mootummaan akkuma torban darbe labseetti yoo hidhamtoota siyaasaaf dhiifama kennee hiika ta’e murtiin hidhaa baatii ja’aa har’a kenname kan hafuu ta’uu ogeessonni seeraa ibsanii jiran.

Angawoonni Biyyatti Hogganoota KFO Ragaa Ittisaa Ta’uun Dhiyaachuu Hin Dnada’an: Mana Murtii
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:14 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG