Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Mararaan Simannaa Ho'an Godhameef


Simannaa Dr.Mararaadhaa godhame amma tokko
Simannaa Dr.Mararaadhaa godhame amma tokko

Dura taa’aa Kongresii Federaalawaa Oromoo Dr. Mararaa Guddinaa himannaan irratti dhiyaate addaan citee har’a hiikamaniiru. Deggertoonni isaanii hedduuf miseensonni KFO naannoo mana isaaniitti argamuu dhaan simataniiru. isaaniin dabalatee shakkamtoonni 114 himannaan isaanii addaan citee har'a ma’a hidhaatii gad dhiisamaniiru.

Dr. Mararaan guyyoota 413f hidhaa keessa erga turanii booda himannaan yakkaa isaan itti shakkaman addaan citee har’a gad dhiisamaniiru.

Dr. Mararaa Guddinaa
Dr. Mararaa Guddinaa

Oduun hiikamuu isaanii dursee sabaa himaa mootummaan waan beeksisameef deggertoonni isaanii hedduun bakka manni jireenyaa isaanii argamu magaalaa Finfinnee bakka Ashawaa Meesaa jedhamuttu wal ga’anii simachuuf qophaa’anii kan turan ta’uu Meleskachoo Ammahaa bakka sanatti argamuun kan daawwate ta’uu ibseera.

Keessumaa daandii gara Wallaggaatti geessuu irratti kan argaman miseensonni KFO fi deggertoonni Dr. Mararaa T-shirt suraan isaanii irra jiru uffachuu dhaan gammachuun eeggataa turan. kanneen keessaa Hawwinet Addunyaa VOAf akkana jechuun ibsite, "kan ani asitti argameef Dr. Mararaan ni hiikamu jechuu waanan dhaga’eef gammachuu jiru hirmaachuufan dhufe. Isaan kan hidhaman uummataaf jecha. Utuu dhimma dhuunfaaf hidhaman ta’ee uummati hagas ga’u ba’ee gammachuu isaanii hin hirmaatu ture."

Kanaaf uummataaf gooti hidhaman kun waan gadhiifamaniif gammachuu isaanii hirmaachuuf as jirra jette.

Dr. Mararaan Simannaa Ho'an Godhameef
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:06 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG