Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummati Somaalee fi Oromoo Diina Walii Miti: Miseensota Hawaasa Lamaanii


Omar Dol dhaabbata afaan Somaaleen “Dul Mided” jedhamu kan hiiki isaa “gaaffii haqaa” jedhuuf dura taa’aa dha.

Xumura baatii sadaasa darbee kan hundeeffame dhaabi isaanii prezidaantiin naannoo Sanaa nama isaan gaafatu tokko utuu hin qabaatin uummata naannoo Sanaa irraan miidhaan isaan ga’an akka dhaabatu gochuuf furmaata waariinsaa fiduuf kan yaadame ta’uu dhubbatu.

Nuti kan wal geenyeef, prezidaantii mootummaa naannoo Somaalee Abdii Mohamed Umaariin raawwatamaa kan jiru miidhaa hagas ga’u callisnee ilaaluu hin dandeenye.

Sababaa kanaan wal geenyee, maal gochuu wayya? Attam goonee uummata deggeruu dandeenya jennee ti dhaaba kana kan hundeessine.

Dhaabbata kanas biyyootii adda addaa keessatti hundeessuu dhaan uummanni bulchiinsa naannoo Somaalee keessaa kan yeroo ammaa aangoo irra jiraniin dhiibbaa irra ga’een rakkoo guddaaf saaxilamuun akka dhaabatu tattaafataa ka jiran bu’uursitoonnii fi miseensonni dhaabqa kanaa ibsaniiru.

Torban lama dura kutaa Minisootaa keessatti kan argaman maanguddoonnii fi dardarri Oromoo fi dhalattoonni bulchiisa naannoo Somaalee walitti dhufuu dhaan walitti bu’iinsa daangaa ilaalchisee attamiin furmaanni argamuu akka danda’uuf yaada wal hubannoo irra ga’uu isaanii nuuf ibsaniiru.

Kanneen wal ga’ii sana irratti hirmaatan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti sabi kun lamaan duruu hollummaa fi walii galteen wal wajjiin jiraataa kan ture ennaa ta’u dhiibbaa bulchiinsa naannoo sana jiruun walitti bu’iinsi gidduu isaaniitti uumame jedhan.

Nuti dhalati hawaasaalee lamaanii biyyoota alaa keessa jirrtu walitti dhfuu dhaan jaalalaa fi tokkummaan saba kana gidduu yeroo dheeraaf ture rakkoo namoonni dhuunfaan fedhii isaanii guuttachuuf jecha uumaniin uummatichi miidhaan akka irra hin geenye wal hubatee akkuma kana duraa akka waliin hojjetu tattaaffii gochaa jirra jedhan.

Kanas kanneen hawaasa lamaan irraa walitti dhufan lammiiwwan Oromoo fi Somaalee walitti dhufanii mari’achuun wal hubannaa irra ga’uu isaanii dubbataniiru. Uummati inni biyya jirus akkasitti akka wal hubatu gochuuf gama danda’ame maraan ergaa akka ittiin ga’an illee itti dabaluun beeksisaniiru.

Uummati Somaalee fi Oromoo Diina Walii Miti: Miseensota Hawaasa Lamaanii
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:37 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG