Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amnestii Intarnashinal Labsii Yeroo Muddamaa Raggaasifamuu Mormee Jira


Paarlaamaan Itiyophiyaa labsii yeroo muddamaa eega raggaasisee yeroo gabaabaa keessatti barreessaa dureen Amnestii Intarnashinal salil Shettii kana gochuun akkaan mufachisaa fi miseensonni paarlaamaa itti gaafatamni akka irra jiru hubachuu dhaba irraa kana godhan jedhan.

Kunis quqqaa uummataaf dhageetti kennuu manna mirga bu’uraa kan uummataa caalaatti ugguruuf kan raggaasifamee jedhan. Yeroo akkaan rakkisaa fi muddamii siyaasaa hammaatee mormiin jabaate kanatti mirga dhala namaaf daran kabajaa kennuu malee xiqqeessuu hin turre jedhan Sheetiin.

Duraan labsiin yeroo muddamaa hojii irra oolee yeroo ture dhiittaan mirga namoomaa hamaan gaggeeffamaa akka ture gabaasnee turre. kunis seeraan ala nama ajjesuu, humnaan uummata naannoo isaa irraa buqqisuu, seeraan ala nama hidhuu dararaa geesisuu fi namoota hidhaa keessa jiran hiraarsuu of- keessaa qaba ture jedhan.

Qabiyyeen labsii muddamaa inni haaraa kun qajeelfama kabajamuu mirga dhala namaa ka sadarkaa addunyaa waliin wal hin simatu kan jedhu Amnestiin xiinxala labsii yeroo muddamaa kana irratti qabu ituu hin raggaasifaiin dura Kamisa Bitooteessa 1 bara 2018 xalayaan miseensoota paarlaamaaf ergamuu isaa beeksisanii jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG