Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaan Maal Keessa Jirti ?


Poolisii Federaala Itiyoophiyaa
Poolisii Federaala Itiyoophiyaa

Labsiin yeroo muddamaa erga labsamee booda godinaalee Oromiyaa adda addaa keeaatti aangawoota qabanii hidhuun itti fufee jira. Hogganaan poolisii magaalaa Mattuu Komaandar Nagaraa Dhufeeraa toannaa jala erga oolanii guyyaa sadii ta’uu jiraattonnii fi maddeen polisii ibsanii jiru. Sababaan hidhamuu isaanii garuu maal akka ta’e haga ammaatti hin beekamne jedhan.

Gama kaaniin Guraanadhala 27 bara 2018 raadiyoo sagalee Amerikaa waliin gaaffii fi deebii kan gaggeessan itti aanaan itti gaafatamaan waajiira nageenyaa fi bulchiinsaakan godina Qellam Wallaggaa Obbo Xaggaayee Waaqjiraa to’annaa jala ooluu isaanii jiraattonni ibsanii jiru. Obbo Xaggaayeen naannoo keenya eegsisuuf polisiin Oromiyaa ga’aa dha jechuun VOAf ibsanii turan.

Sambata darbee jechuun Guraandhala 3 bara 2018 Raayyaan ittisa biyyaa Amboo keessatti mana Dargaggoo Haacaaluu Taddasaa jedhamu halkan walakkaa humnaan cabsee seenuun hiriiyyoota isaa barattoota yunivarsitii Riift Vaalii ta’an sadii 3 qabee hidhuun beekamee jira. Dargaggoo Haacaaluun akka ibseetti ofii isaa nama miilla lamaan hin qabnee fi harkaan foqooquu ta’e ituu jiruu raayyaan ittisaa haala gara jabinaan gutameen hanga ani of-wallaalee kufuutti na tumanii nan du’e se’anii na dhisanii deeman jedha.

Gama kaaniin godina Qellam wallaggaa keessatti bosonni Walal kaleessa gubachuu isaa fi tarkaanfii hawaasnii naanoo tokkummaan fudhateen to’annaa jala ooluu isaa jiraattonnii fi aangawoonni ibsanii jiru.

Godiina Jimmaa aanaa Omoo Naaddaa magaalaa Sandaaboo keessatti Robii darbee raayyaan ittisa biyyaa sababaa tokko malee uummata irratti dhukaasa baneen nama shan rasaasaan rukutee madeessuu jiraattonni ibsanii jiru. Maddeen hospitaala Naaddaa garuu namni lama rasaasaan mada’anii gara hospitaalichatti eega fidamanii booda wal’ansa sadarkaa olaanaaf Hospitaala Jimmaatti ergamuu dubbatu. Magaalaan Sandaaboo har’a haala nagaa keessa akka jirtu jiraattonni ibsanii jiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:14:25 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG