Ministriin haajaa alaa Raashiyaa Ambaasaaddara Briteen kan biyya isaanii keessaa Mariyaa Zakhrova har’a waamsisee jira.
Kunis basaasnii Raashiyaa durii fi inatalli isaa Briteen keessatti akkamitti summiif akka saaxilaman aangawoota Raashiyaa wajjin dubbachuuf ta’u ibsamee jira.Ministriin kun Kana caalaa odeeffannoo ifa godhe hin qabu.
Basaasnii Raashiyaa durii fi intalli isaa summiif saaxilamuu kana keessaa Raashiyaan harka qabaachuuf carraan jiru guddaa dha jechuun mummittiin ministeera Briteen eega dubbatanii booda Ambaasaaddarra Briteen aangawoonni Raashiyaa waaman.
Kan Briteen jette kana prezidaantiniin Amerikaa Donaal Traamp kan fudhatama kennaniif ta’u beeksiisan.Sababaan isaa ragaa dhiyaate irra ka’uun ta’u dubbatan.
Abbaa fi intalli basaasa Raashiyaa duraanii kun Inglaand gama kibbaa magaalaa Salisbarii jiru keessatti summii Narvii qaamaa midhuuf saaxilamanii akka hamaatti dhukkubsachuun Hospitaala seenanii jiru.