Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin uummata Mirga Isaaf Iyyate Dabarsinee Hin Kenninu Jedhe: Maddeen Bulchiinsa Dambi Dolloo


Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo Keessaa namoota qabanii hiduuf toorri namootaa qophaa’uu isaa madden keessa beekan dubbataa jiran.

Poolisoonni hangi tokko illee namoota kana dabarsanii akka kennaniif Komaandi Poost ajajus uummata mirga isaaf jedhee falmatu badii qaba jennee dabarsinee hin kenninu jechuu isaaniitiin to’annaa jala oolaniiruu jedhu jiraattonni magaalaa Dambi Dolloo.

Magaalattiin hamma dirree waraanaa fakkaattutti waraanaan guutamtee naannoon ishees marfamee jira, gad baanee hojii keenya idilee hojjetachuuf illee sodaa guddaa keessa jirra jedhu.

Angawoota dhaqqabnee haala kana gaafachuuf yaaliin goone milkaa’uu baatus, bulchiinsa magaalattiitti itti dhiyeenya kan qaban keessaa haasofsiisnee haalli jiru yaaddessaa akka ta’u nuuf ibsaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:14:18 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG