Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan hojjattoota mootummaa Raashiyaa biyya ufiitii baasumatti jirti haga ammaatti biyya 22 tahanitti jara kana biyya ufiitii oofate


Kuusaa suuraalee:Embaasii Raashiyaa Waashingiton DC jiru
Kuusaa suuraalee:Embaasii Raashiyaa Waashingiton DC jiru

Haga guyyaa dheengaddaatii Amerikaallee waliin biyya 22tti bulchoota Raashiyaa biyyaa oofate.

Bulchootii Raashiyaa tun hujii seera qabdu ta silaa mootummaa isaanii fulaa bu’anii hojjachuu malan dhiisanii ‘warra gurraa’ tahan jedhanii biyyaa oofan.

Dhaabii NATO hojjattoota mootumma Raashiyaa 20 keessaa 10 dhaaba ufii keessaa baase.

Amerikaan bulchoota Raashiyaa ta embaasii Raashiyaa fi ta Tokkummaa Mootummootaa keessa hojjatan 60 biyya baafachuf hajajjee.Torbaan tokko keessatti biyya bahaa jedhaniin.

Ministeri haajaa alaa Raashiyaa Sergey laavrovilleen haaloo baanaa jedhan.

Amerikaa,Faransaay,Jermenii fi Poolaandi faatii jara hojjattoota mootummaa Raashiyaa biyyaa baafte keessaa haga tokko.Hojjattoota nagaa Raashiyaa 77 biyya ufiitii baasan.

Biyyootii tun eegi Raashiyaan hojjataa basaasaa mootummaa isii ka durii amma baqatee Bititen magaalaa Salisbury jiru gaaduma gaaddee isaa fi intala isaallee gaazii dhiiga nama dhaabduun ijjeesifte seera adduyaa cabsite jedhanii bulchoota isii biyyaa oofatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG