Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaan horii qalee eebbifate, kaan gammachuun karaatti baafate, ka hujuma isaa laalla jedhullen hedduu, Dr.Abiyyi Ahmed garaa lamaan eegatan


Dr.Abiyyi Ahmed
Dr.Abiyyi Ahmed

Bulchiinsii Dr.Abiyyi Ahmed Itoophiyaa garamittiin deema seetan,maan irraa eegatttan?
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:00 0:00

Dr.Abiyyi Ahmed muummeen ministera Itoophiyaa haraahii Wiixta dhufu Ebla, 2,2018 kakatee hujii jalqabu kana waan hedduu abdatan.Dr.Abiyyi miilota obboo Lammaa Magarsaa fa ka hujiin isaanii siyaasaa Itoophiyaa jijjiiraa dhufe keessaa tokko.

Abdii qofaa mitii waan namii irraa eegatu,rakkoo ummatii Oromoo keessa jiru ta addunyaallene beettu,bulchiinsii isaa fala qabaa jedhulleen hedduu.

Dr. Abiyyi filatamuu jechuun rakkoon qeerroon Oromoo,ummatii Oromoo gaafachaa lubbuu itti dhabaa bahe deebii argatti jechuu miti, ka jedhulleen hedduu.

“Halkan tokko nagaan buluun waan tokko,nama keenna ka dhiphuu fi bal’inna keenna beekuu fi ka ummata keenna keessaa filatamuu waan guddoo.Kanuma abdannee gammannae,”jedha warrii Mooyyalee fi Yaaballoo wa nutti hime.

Mooyyalee magaala godina Booranaa namii kuma hedduu waraana jedhee Keenyaatti keessaa baqate.

Dr. Abiyyi qabsoo Qeerroo fi ummata Oromootti asiin gahee kun jalqaba malee dhumaa mitii ka jedhulleen hinuma jira.

Namii hagii tokko ammoo sirna jijjiiramu malee namii jijjiiramee waan hedduu hin fiduu jedha.

Paartii ADWUI akkuma itti amantee Dr.Abiyyi muummee ministeraatii filtte jijjiirama gama siyaasaatii fi gama cufaanuu dhufu kana itti amante jedha namii hagii tokko.

DH.D.U.O jijjiirama amma itti jiru ka Dr.Abiyyi asiin gahe kanaan deemee jennaan ufi qofaa mitii siyaasaa Itoophiyaatuu jijjiiruuf humna guddoo qaba jedha.

Isan ammoo Dr.Abiyyi Ahmed Itoophiyaa eessatti geessa jettan,jijjiiramii bulchiinsii isaa Itoophiyaatti dhufu maan fa seetan?

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG