Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABO fi ADOn Waa’ee Filatamuu Dr. Abiyyii fi Tarkaanfiilee Mootummaa Isaanii Haarawa Irraa Eegan Dubbatan


Duta-taa’aan ADWUI yokaan EHADEG torban kana keessa filataman, Dr. Abiyyi Ahimed, Wixata dhufu kana paarlaamaa Itiyoophiyaa fuul-duratti kakatanii muummicha-ministaraa ta’uuf jiran. Haasawa guyyaa sana uummata Itiyoophiyaaf gochuuf jiran keessatti waa’ee kaayyoo siyaasaa isaanii fi karoorsa isaan biyyaatiif qabanii mallattoo argachuun ni danda’ama, jedhamee eegama. Yeroo gaaffiileen uummataa guguddaan Oromiyaa fi guutummaa biyyattii keessatti ka’ee belbelaa jiruu fi haala siyaasaa biyyattii baay’ee wal-xaxaa tahee jiru kanatti, hojiin hoogganaa haarawa kana eeggatu ulfaataa akka tahuu dubbataa jiran, xiinxaltoonni siyaasaa.

Waa’ee filatamuu Dr. Abiyyii fi tarkaanfiilee hooggana isaanii haaraa irraa eegan irratti, dura-taa’aa Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Daawud Ibsaa fi dubbi-himaa Adda Dimookiraatawa Oromoo, Dr. Bayaan Asoobaa haasofsiisnee jirra. Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa.

ABO fi ADOn Waa’ee Filatamuu Dr. Abiyyii fi Tarkaanfiilee Mootummaa Isaanii Haarawa Irraa Eegan Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:17:23 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG