Dr. Abiyyi Ahmadiif Obboleessa angafa ta’uu kan dubbatan Obbo Daasis Ahimad haadha afur irraa kan dhalatan obboloonni nama 16 ta’uu fi kanneen keessaa 9 dubartoota 7 immoo dhiira ta’uu ibsan.
Obboloota kana hundumaa keessaa Dr. Abiyyi barnootaaf fedha guddaa akka qaban akkasumas ijoollummaatti iyyuu ijoollee mannaa namoota gurguddaa wajjiin oolu kan filatan ta’uu ibsan.
Harmeen Dr. Abiyyi Aaddee Tizitaa Waldee Oromoo yoo ta’an Burraayyuutti dhalatanii guddatan. Yeroo Abiyyi sabiyyii ykn daa’ima tureetti “ilmi koo mootummaa ta’a” jechaa guddisaa akka turan dubbatan Obbo Daasis.
Kunis oolee bulee dhugaa ta’uu isaa fi garuu harmeen isaanii kana ijaan ituu hin argin baatii 6 ykn 7 dura du’aan boqochuu ibsaanii Dr. Abiyyiin akka malee gaddisisuu isaa haasaawaa isaanii gaafa Wiixataa keessatti xuqanii jiru jedhu obboleessi isaanii kun.
Abbaan Dr. Abiyyi Obbo Ahimad Alii muudamuu ilma isaanii kanaaf gammaduu isaanii fi kadhtaafii akka turan ibsan.
Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa