Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Abiyyi Ahimad Biyyattii gara Daandii Ce’umsa Dimokraasii Dhugaatti Geessuu Danda’u Abdii Jedhun Qaba: Anaa Gomesh


Miseensa paarlaamaa Awrooppaa ,Aanaa Gomesh
Miseensa paarlaamaa Awrooppaa ,Aanaa Gomesh

Filannoo Itiyoophiyaa bara 1997 geggeessamee qabee siyaasa IHADEG dammaqinaan hordofaa kan jiran miseensi paarlaamaa Awrooppaa fi kan koree dhimmootii alaa Aanaa Gomesh muudamuun Dr. Abiyyi Ahimed uummata Itiyoophiyaas ta’e uummata Oromoof waan gaarii kan fidu, dantaa isaanii kan eegsisuu danda’u yaadi jedhu hedduu biratti calaqqisaa jiraachuu isaa hubachuu isaanii dubbatu.

Muummichi ministeeraa Abiyyi ADWUI dhaan kan muudaman ta’an iyyuu muudama isaaniin hojii gitu hojjechuu fi Itiyoophiyaa gara daandii ce’umsa dimokraasii dhugaatti geessuu danda’u abdii jedhun qaba jedhan. Kun maal jechuu akka ta’e ennaa ibsan Anaa Gomesh Kana jechuun muummicha minsiteeraa ta’uu qabu jechuu dha. Ilaalcha ADWUI kan yaada haaraa fudhachuuf fedha hin qabaannee fi dullacha boodatti dhiisanii uummata Itiyoophiyaaf sirrii dha jedhanii wwan amanan hojjechuu qabu jechuu dha jedhan.

Itti aansaniis ennaa ibsan humnootii Itiyoophiyaa mara, mormitoota mara waliin haal duree tokko malee marii akka jalqaban, mormitoota akka Bulguutti ilaaluun hafee mariin ifaa fi dhugaa ta’e akka jiraatu gochuun daandii tokkicha gara ce’umsa dimokraasii dhugaatti geessu jedhan.

Dr. Abiyyi Ahimad Biyyattii gara Daandii Ce’umsa Dimokraasii Dhugaatti Geessuu Danda’u Abdii Jedhun Qaba: Anaa Gomesh
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:34 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG