Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa fi Prezidaantiin Masrii Bilbilaan Dubbatan


Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad prezidaantii Masrii Abdul Fattah El Sisi waliin bilbilaan dubbachuu isaanii kan ilaaleen sabaa himaan Masrii gabaasanii jiru.

Prezidaant El Sisiin Dr. Abiyyiin baga gammaddan jechuu isaanii kan ibsame yoo ta’u hariiroo biyyoota lameen gidduu jajjabeessuuf mummichi ministeera haarawaa waliin kan hojjatan ta’uU El Sisiin dubbachuu isaanii gabaafamee jira.

Mummichi ministeeraa Abiyyi gama isaaniin irra deebi’anii filatamuu El Sisiif baga gammaddan eega jedhanii booda adda addummaa biyyoota lameen giddUu jiru irratti jabinaan akka hojjatan hogganaa Masriif ibsuu isaanii beekamee jira.

Dubbi himaan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa Mallas Alam akka ibsantti Dr. Abiyyi dura ta’aa ADWUI ta’uun eega filatamanii booda hogganoota Jabuutii Somaaliyaa fi kannen biroo wajjiin dubbatanii akka turan kan El Sisi kunis sanuma waliin kan wal fakkaataa ta’uu ibsan.

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad Kaabinee ofii yoom akka muudan hin beekamin jira.

Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa fi Prezidaantiin Masrii Bilbilaan Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:18 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG