Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromoon ala jirtu Boorana Mooyyalee baqatee Keenyaatti galee $82,000 oli walti guurtee bulchootii Keenyaalleen dhaqanii laalumatti jiran


Haawwanii fi ijoollee Mooyyalee baqatanii kaambii Soomarreetti daarii Kenyaa fi Itoophiyaa jidduu jiru irratti gargaarsa koree Fannoo Diimtuu Keneyaa eegatan keessaa haga tokko. Bitootessa 19, 2018.

Oromoon biyya alaa Boorana Mooyyalee keessaa waraanaa mootummaa baqatee Keenyaatti galee $82,000 walti guurtee
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:33 0:00

Namiii godina Booranaa aanaa Mooyaleetii gara ji’a tokkootiin duratti waraana mootummaa Itoophiyaa baqachuuf Keenyaatti gale kuma hedduu. Jara kana keessaa hagii tokko galullee ammallee kuma hedduutti ala jira.

Wariri baqate kun Mooyyale ollaa hedduu keesaa waraana mootummaa baqatee bahe.Mootummaan Itoophiyaa ammoo odeeffannoo dogongoraatiin jara kana hadhanii lubbuun namaa baate jedhullee namii dubbii akka jedhanitti hin laalle. Lola sun irratti akka warrii lafaa jedhutti nama kurnyaa olitti dhumate.

Oromoon biyya alaa jirtu gama hawaasa ufiitiitii fi akka dhuunfaalleetti jara kanaa $82,000 caalaa walti guurte.

Girmaa Guutamaa warra horii kana akka koreetti walti guure keessaa tokko. Girmaan barataa PhD-ti amma Norwey jiraata.

Horii kana akka ummaaan gargaaraniif fulaa sadiitti qoodanii kennan.

Koree Fannoo Diimtuu Keenyaatiif $10,000

Dhaaba mootummaa hin tahin ka Minisootaa(MN) fi Keenyaa Naayroobii biiroo qabu Good Deeds Charity $30,000

Mana Marii Keenyaatti koree bakka buutota dubartootaatiitti ammoo $42,000 kennan.

Warrii baqate akka Girmaan jedhutti akka hamaa jira harka 80% caalaan haawwanii fi ijoollee.

Namii baqate jedhan 8,000 caala jedhanillee akka jecha Girmaatti namii hagii guddaan gara nama beekuu fi ollaa keessa waan baqateef malee namii baqate hagas caala.

Itti gaafatamtootii dhaaba mootummaa hin tahini(NGO) Good Deeds Charity ka Keenyaa waajjira qabuulleen warra nama baqate kana dhaqee laale keessaa tokko.

Sheek Saladaa Jilootiitii fi Sheek Alii Jimmaa warra dhaqee laale.

Kaambiin namii itti baqate ka jarii dhaqee laale.Walumattu yoo deebisan nama 7,350 baqatee ala jira jedhan.

Ardaa Danbalaa Faccanaa keessaa nama 6,000

Ardaa Kaarra Torbii keessaa nama 350

Ardaa Soomarre keessa ammoo nama 1,000 baqatee itti qubatee keessa jira jedha warri dhaqee gale

"Warii hafe haawwan,ijoollee,jaarrolee. Fulaan itti galanilleen hagii tokko waaroo qabaa,hagii tokko sunuu hin qauu laftilleen bokkaa fi biinnii qabdi.”

Gama kaaniin nama kaambii jiru malee nama 1,400 akka warri dhaqee gale jedhutti UNHCR-tti harka kennatee baqataa tahuuf galmaahe.

“Warrii gale biyyitii nagaa tahuu fa dandeetti jedhee biyyumaa fi biyyee teennatti gallaa jedhee gae.”

Bulchootii Keenyaa ta akka miseensota mana marii biyya sunii bulchoota godina Marsabeet, Isiyolloo faatillee jara baqataa kana dhaqee laale keessaa tokko.

Saafiyaa Sheek Adenii fi Rahimaa Diida Jaldeessaa miseensota mana marii Keenyaa godina Marsabaatii fi Isiyollooti.Dhimma haawwanii fi ijoollee dubraa irratti hojjatanillee.

Jarilleen dhiyoo tana keessaa fulaa namii itti baqatee qubatee keessa jiru

Jarilleen fulaa namii itti baqate Danbalaa Faccanaa,Seesii,Soomarree fi Wattittii dhaqee laale.Jarii ammoo eegii dhaqee laalee diqqoo ya miila dhaabae.

”Gaafasitti namii amma walti baqachuutti jira. Namii nu argine hagii guddaan haawwani fi ijoollee.”

Mootummaan Itoophiyaa akka namii baqate kun galu gaafatullee “namii lubuu ufiitin baqatee bahe yo fedhe hin galaa yoo fedhe Keenyaalleen lafa Oromootii taa’uu dandaha,” jedhan miseensotii mana marii Keenyaa tun.

Bulchootii tun akka nama baqate kana ariitin gargaaran fedhan. “Akkii warrii keessa jiru akka hamaa.Haawwan ijoolleetti jiraa,ta ulfaatti jiraa,ta deettee goda jirtutti jiraa jaarsaatti jiraa,tana irratti laftii roobaa biinniitti jiraa rakkoo guddoo keessa jiran,” jedhan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG