Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Raashiyaa baranaatiif walti qophaahuutti jirt namuu jabaa ufii faarfachuutti jira


Kun garee kubbaa miilaa Iraan magaalaa Teheran keessatti leenjifamuutti jiran.Fulbaana 4, 2017.
Kun garee kubbaa miilaa Iraan magaalaa Teheran keessatti leenjifamuutti jiran.Fulbaana 4, 2017.

Dorgommii kubbaa miilaa Waancaa Afrikaatiif biyya 32ti walti qophaahuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:30 0:00

Ganna afur walti qophaahan.Jabaa akka sibiilaa walti filatan.Biyya 32 walti hafe shan Afrikaa.Shanan tun ulfinna Afrikaa baatanii addunyaatiin gadi bahan.

Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Raashiyaatti taphatan guyyaa 66 qofatti hafe.Hagii tokko takkuma asi hin geenne hagii tokko duruu dorgommii akkanaatiif jedhee addunyaa irra mara.

Afrikaa keessaa Masrii Morookoo, Nayjeriyaa,Tuniiziyaa fi Senegaal.Jara kana waan hedduuf eegatan.

Masrii: Biyyitii Afrikaa Kaabaa gama dhihaa tun marroo torba shaampiyoonaa Afrikaa taate.Taatullee ganna 28n duubatti awaarana dhadhawattee waancaa kubbaa miilaa addunyaatti deebite.

Ijoollee isii ta alaa qabdu,kilabii alaa keessa taphattuuf ka akka Mohamed Salah fi hedduu guurrattee dhufti. Manajeri isii Hector Cuper nama isaa 23nuu qixeeffachuutti jira

Morookoo

Morookoolleen warra Afrikaa fulaa bu’ee Raashiyaa dhaqu keessaa tokko. Ganna 20n duubatti barana milkoofte.Nama abadattu hin hambifatten.

Manaajera Faraansaay Herve Renard itti qaxaratte. Namii kun garee tana maluma nama guddaatiin oli guddisuutti jira.Tanumaan Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa bara 2012 irralleetit Ayvori Kosti moote.

Afrikaa keessaa biyyitii qaraa waancaa kubbaa miilaa addunyaa baranaatii dabrte Naayjeriyaa.Shaampiyoonaa waancaa Afrikaa Cameroon, Zambia fi Aljeeriyaa mootee asi geette.

Tuniiziyaa

Ta dhibiin ammoo Tuniiziyaan waancaa kubbaa miilaa addunyaa kanaaf dabruuf baranama warra waliin taphatteen takkuma hin moohamne. Ganna 12 eegatte. Baranallee DRC, Liibiyaa fi Giinii mootee dorgommii dabarte.

Senegaal:

Senegaal humnumaa fi qalbi bara 2002 keessaa dorgommii waancaa kubbaa addunyaa ka biyyitii 8 walti hafan irratti Faransaayiin moote suniin dhufuutti jirti. Gaafa isiin Faransaan moote sun namii bakakee harkii afaanti goge.

Hardhallee Liver Pool irraa Sadio Mane faan dhufattee waan mataan dhaabdu hedduu qabdi.Biyyootii addunyaa 27 hafanilleen waan jedhaniif hedduu qaban

Awustiraaliyaa:Isiin ammoo ta baranaa waliin maroo afur Waancaa libbbaa miilaati dabran Iraan marroo shan.

Denmaarki: Biyyitii naannoo Iskaandineeviyaa keessa qubattu tun biyya Awurooppaa keesaa kubbaa miilaatiin guddachuutti jirtu barana waancaa addunyaatii dabarte keessaa tokko.

Ayislaandi: Biyyitii diqqayyoon addunyaan wal hanqattee garba keessa qubattu ta ummata 330,000 qofa qabdulleen biyya barana waancaa addunyaatii dabrte keessaa tokko.

Akka diqqeenna laalan kanaanitii dorgommii kubbaa miilaa baranaa irratti biyya hedduu caccarsatitee mootee asi gette.Bara 2016 keessa dorgommii waancaa Awurooppaatiif dabruuf Ingilaandi dhukkeessitee moote.

Biraazil: Biraaziliin bara tokko nugusua kubbaa miilaatiin beekan waancaa kubbaa miilaa addunyaa bara 2014 irrati dhiiticha ijoollee Jermenii irraa dandamachuu dadhabdee 7-1 irraa galchan taanilleen warra barana dorgommii dabre keessa tokko. Biraazil barana ammoo ardii isii keesaa ta qaraa dorgommii tanaa dabarteeyyuu isii.Jermenii gaafas isii moote taan 3-0 lafaan dhooftee dabarte.

Serbiyaa: Biyyitii diqqoon bara 2006 keessa bilisoomtee Awurooppaatti dabalatmte tun eegii cittee baatee asitti tana waliin marroo lama waancaa kubbaa miilaa addunyaatiif dabrte.

Panaamaa: Diqqayyoon ardii Central America tun haga dhalattee baranuma waancaa kubbaa miilaa addunyaatii dabarte.

Woma taateefuu dorgommii guyyaa Waxabajjii 14,2018 jalqaban tana nama kuma kurnya hedduutti bahee daawwata miliyoona hedduutti TV laala.Ilaa fi gurrii addunyaa dorgommii waancaa kubbaa addunyaa barana Raashiyaatti tapahtan jala jira.

Koromtoon kubbaa miilaa addunyaa dirree Raashiyaatti walii yaatee waan wal tolchitu wal tolchuuf bultii 66 qofatti ala jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG