Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamoon Maa’ikelaawii Cufame Jechuun Sirni Maa’ikelaawii Keessatti Nama Dararu Cufame Jechuu Miti, Jedhu Hidhamtoonni Duraanii


Faayilii - Magaala Finfinnee
Faayilii - Magaala Finfinnee

Mootummaan Itiyoophiyaa ka waggoota kurna hedduuf namoonni keessatti dararamaa turan, jedhamuun balaaleffatamu Waaltaa Qorannaa Maa’ikelaawii torban dabre cufee jira. Ka magaalaa Finfinnee keessatti argamu waaltaa qorannaa kana keessatti gochaanleen dararaaa raaw’ataman, jedhaman dhaabota mirga dhala-namaa akka Hiyumaan Raayitis Wach fi ka biroodhaan gabaasamaa turan. Mootummaan waaltaa qorannaa kana akka fufuuf deemu Amajjii 3, bara 2018 ibsa muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa duraanii, Hayile-maariyaam Dessaalenyi gaazzexeessotaaf kennaniin beekisse.

Hidhamtoonni Maa’ikelaawii keessatti hidhamuu fi dararamuu isaanii dubbatan, kutaalee hidhaa xixiqqoo lakkoobsa hidhamtotaa humnaa oliin guutaman keessattiii fi kutaalee qorannaan keessatti geggeessamu keessatti miidhaan qaamaa, sammuu, hamilee fi qor-qalbii hamaan irra gahuu isaa yeroo adda addaatti himataa turan.

“Maa’ikelaawii fufamuun isaa gaarii dha, garuu kan dararaa hamaa uummata irra geessisan gamoo Maa’ikelaawii otuu hin taane qondaalota mootummaa Itiyoophiyaa fi sirna mootummaa Itiyoophiyaa akka dararaan sun geggeessamu eyyemee fi humnoota gochaa kana raaw’atanb bobbaase. Sirni buqqa’uu yokaan of jijjiiruu qaba” jedhu, hidhamtoonni kun. Hidhamtoota duraanii lama haasofsiisnee jirra.

Qophii keenya caqasaa.

Gamoon Maa’ikelaawii Cufame Jechuun Sirni Maa’ikelaawii Keessatti Nama Dararu Cufame Jechuu Miti, Jedhu Hidhamtoonni Duraanii
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:49 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG