Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ejensiin USA biyya alaatiin gargaartu, USAID raammoo midhaan Afrikaatti baafatte 'Fall armyworms ' diqqeessuf fala teknoolojiitti jira


FILE - A farmer inspects a plant to reveal an armyworm he found feeding on his maize crop at a farm on the outskirts of Harare, Tuesday, Feb. 14, 2017. A farmers' group in South Sudan's Imotong state says it has found a way to combat the dreaded fall arm

Raammoon Gannaa tun addunyaa waan hedduun dhibde.Midhaan nama hedduu balleessitee qolleessite. Lafa oowwaa jaalatti. Amerikaa fi Biraazil fala jabaan ufi irraa diqqeessan.

Namii waan hedduun raammoo tana ufi irraa dhowwaa bahe;harkaan midhaan irraa guuruu, midhaan mataa mataa waliin facaasanii akka raammoon ta nyaattu walii wallaaltu tolchuu fi waan akka akkaati.

Raammoon lafa oowwichoo jaalattu tun ganna dabree asitti Afrikaa biyya 40 keessatti argan.

Ganna dabre qofa akka bulchotii USAID jedhanitti raammmoon tun horii doolarii biliyoona 13 balleessite.

Raammoon tun midhaanillee keessaa baadallaa ykn boqqoolloo jaalatti.Baala isaa irraa nyaattee gossiti.

Namii Afrikaa ammoo miliyoona 30 caalaatti baadallaan bula. Hektaara miliyoona 300 irratti faasan. Duruu nama hedduutti balaa raammoo tanaatii beelahe.

Raammoon tun ammallee ya coroortee Afrikaa gama Bahaatii fi gama Kibbaatiin itti baafatte jetti itti gaafatamuu wabi nyaataa USAID,Rejiinaa Eddy.

Ejensiin isaanii amma warra qarooma jabanaatiin bineensa midhaanii kana diqqeessuu dandahu wal dorgomsiisuutti jira.

USAD-n dhaabbilee dhuunfaa,yuniversitii,dhaabbilee qorannootii fi dhaabbilee hedduu akka isaan rakkoo tanaa fala dhawan dorgommiitti yaamuutti jira.

Nama ykn dhaabbilee mala raammoo tanaan diqqeessan ka qonnaan bulaalleen fayyadamuu dandahuun qonnaan bulaalleen fayyadamuun dandahu wal dorgomsiisuutti jiran.

Ka tokkeessoo bahe $150,000 ka lammeesoo bahee $75,000 ka sadeessoo bahee $50,000 badhaasan. Abbaan dorgommuu fedhu marsaa USAID https://fallarmywormtech.challenges.org/ dhaqee dorgomuu dandaha.

Raammoo ganaa tana biyya Afrikaa 40 keessatti argan.Raammoo tana qilleensatti fuudhee barrisaan..

Akka qorattootii USAID jedhanitti raammoon tun saati km 100 caalaa deemtee biyya waliin geetti.Saatii 30 keessatti ahga km 1,600 barrisuu dandeetti.

Haadhoon raammoo bara jireenna isiitti okokkaan 1,000 dhaluu dandeetti.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG