Xurree ittiin seenan

Breaking News

Investerii qahee hujii investimentii keessaa hojjatu harka hagamiin qarqaaruu male? Qorataa yunversitii Dillaa wa gaafanne


በዲላ ዩኒቨርሲቲ
በዲላ ዩኒቨርሲቲ
Investerii tokko qahee qabeenna keessaa argatu akka seeraatti harka hagamiin qarqaaru male?
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:38 0:00

Hardhallee aanaalee godina Gujii keessatti fulaa hedduutti hiriira mormi bahanii kontoraata Midrookii haareffame didan.

Dubbiin tun oowwaa deemuutti jirti.Mootummaan federalaaa akka Midrook ammallee ganna 10n dhufaa Laga-Dambiitii warqii qotatu kontoraata haaressaniif.

Warrii hiriira bahu kun Midrook ufii malee lafa horii keessaa argatuu bu'aa buusuutti hin jiru jedha.

Akka seeraatti warrii hujii investimentii hojjatu qahee horii keessa argatu jabeessee eeguu male.Warra lafaalleen wal dhaqee jiraachuu male.

Wal dhaquu qofaa mitii waan hedduun hojjachuufii male.Dr.Asebee Raggaasaa yuniversitii Dillaatti daarektera Qorannooti.

Investerii namaa fi biyya hujii keessatti hojjatu tokkollee miidhuu hin malle jedha.

"Ummatii lafa nageenyaa isaaf mijataa keesa jiraachuf mirga qaba.Investerii miidhaa geessisuu hin qabu jedha seerri.Garuu hojiitti yoo deebisan rakkoo qabaa,” jedha.

Warshaan kun ammoo hujii tana akka dansaa hojjachuutti jiraachuu fi dhibaachuu isaa namii akka dansaa gula deemee tohatulleen hin jiru jedha Dr.Asebeetti.

Warrii godina Gujii aanaa Gooroo Doolaatii dubbifne ka akka Baallii faatii Midrook bara 2009 keessa ummatii akka malee hiriira itti bahee dhiphuu himatee kennaan waan diqqoo tokko nama dura bubuuse jedha.

Bara 2009 gaafa ummatii hirira bahe sun wa jaare. Sun malee waan tokkolle hin hoijjanne jedha. “Ufii malee waan biyyaa bu’aa buuse hin qabu.”

Akka Dr.Asebeen jedhetti warqii Midrook Laga-Dambitii argatu dhiisii mootummaayyuu qaraxa inni baasu hin beekan.

Ummatii miidhaa Midrook isattii fideefuu beenyaa argachuu qaba,” jedha Dr.Asbeen.

Akka jiraataan aanaa Gooroo Doolaa,Baalliin jedhetti Midrook bara 2002 gaafa namii aanaa Okkotee fii Saakarrootti hiriir bahee jennaan horii diqqaa tokko aanaallee kennee koollejjii takka Shaakkisootti jaare.

“Karaan Adoolaa-Shaakkisoo dhaqan hardhallee caaccabaa.Horii hagas guddaa achii argachaa koollejjii takkitti ijaaruun faaydaa womaatuu hin qabu,” jedha Baalliin. dandahee hin deemu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG