Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boorana magaalaa Hiddii,Wallaggaa Bahaa Naqamtee fi Gujii Bahaa, Dhihaatti namii hardhaa,kalee fi dhiyoollee hiriira mormiitti jira


Hiriira mormii godina Boorana magaala Hiddii-lolaa
Hiriira mormii godina Boorana magaala Hiddii-lolaa

Hiriira Mormii Booranaa,Wallagaa Dhiyaa,Gujii Bahaatii fi Dhihaa ka dhiyoo tanaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:17:50 0:00

Hiriira Naqamtee ka hardhaatti namii rakkoo heddu himate;

Ijoolleen Naqamtee hidhanii Qilinxoo fi fulaa akka akkaatti hidhan akka hiikaman

Akka komaandi poostiin biyya bulchuun akka dhaabdu

‘Yakkamaa’ badhaasuu dhiisanii warrii Oromoo fixe murtii dhiyaatu

Eeyyamii MIDROOK haqamu fi waan hedduun gaafatan jedhan.

Poolisii Naqamteetti Komaander Poolis Geetaachoon ammoo Naqamtee jiraachu baadhullee ijoolleen gaafii nagaan gafachuun mirgumaa taatullee warrii fedhii addaa qabu jiraachuu dandahaaa jedha.

Akka ijoolleen karuma nagaatiin hiriira bahan gaafanne jedha.Booranalleetti aanaa Miyoo magaalaa Hiddii-Lolaatti nama hedduutti kalee hiriira bahee rakko himate.

Rakkoo himatan keessaa;Misoomii godina Booranaatii waadaa galan, yuniverstii,koolleejii fi wanni hedduun akkuma baanan akka hujii irra oolu

Warrii Mooyyalee fi Sooddatti nama fixe akka seeraan gafaan

Oromiyaa keessatti nama hidhuu fi ijjeesuun akka dhaabatu

Kontoraatii MIDROOK akka haqamu

Somaaleen Mooyyalee keessatti alaabaa dhaabachuu akka dhaabdu alaabaan isaaniilleen akka buqqa’uu fi waan hedduu fa gaafatan jedhan.

I/G/B koominikeeshiinii godina Booranaa aabba Galma Boruulleen gafiin ijoolle gaafii teenaa jedha

“Mooyyaleetti namii barachuutti hin jiruu, gabayaan hin jirtu namii sodaan jiraataa gaafiin tun akka Booranaatti akka bulchiinsaatti gaafii teenna,” jedha.

Gama kaaniin ammoo bu’uura misoomaa ka gaafatan keessaa Diidii Xuyyuuraa Yaaballoo ammaayyuu jaaruutti jiran jedha,aabba Galmii.

Hiriiraan duubatti akka warii lafaa jedhutti Hiddii-Lolaa keessaa fulaa hedduutti ijoollee qabanii hidhuutti jiran.

Godina Gujii Bahaatii fi Dhiyaatti dhiyoo tanaayyuu Kontorata MIDROOK haareffameef jedhee namii hiriiratti jiraa Oromiyaallee namii dhufee jaarrolee, bulchootaa fi abbootii gadaallee waliin mariitti jira.Kibxata dabree asitti ammoo fulaa hedduutti barumsii hin jiru jedhan.

Shaakkisoo ollaa Dhibbaa Battee jedhanitti namii hedduun,warra kemikaala Warshaa MIDROOK keessa baatuun miidhame dabalee walti dhufee akka mootummaa dhufee isaan dubbisu eegachaa bahe.

Akka warrii lafaa jedhutti jara wa gaafachuuf walti bahe poolsiin Oromiyaa nama bittinneessuuf qawwee dhaantee nama kaan uleen bittinneestee nama hedduu mite.

Tana irratti bulchoota argachuu dadhabne. Akka namii Shaakkisoo dubbinfe jedhutti

Namii hedduu akka Pirezidaanti Lammaa Magarsaatii fi Dr.Abiyyi dhufanii isaan dubbisan fedha.

Maneen barnootaa ka haga gaafiin Gujii deebii argattutti cufan ijoolleen barachuu didde jedhan mana barumsa sadarkaa lammeessoo fi Qophaahinaa Shaakisoo fa.

“Haga rakkoon namii himate fala argatutti hin baranu jedhanii Kibxata dabree asittuu barumsa dhiisan.”

Rakkoo hujin MIDROOK godina Gujiitti fiddu akka warrii nu gaafanne jechutti qorattoota Awurooppaallee fidanii qorachuutti jiran.

Insipekter Abdulqaadir ka godina Gujiitii dubbifne wannii ijoolleen himatte dhugumaa manii barumsa dhiyoo cufame jedhanilleen dhugumaa taatullee ummataan wal dubbatanii amma manneen barnootaa banamanii barachuutti jrian akka aanaa isaaniitti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG