Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii Liyuu Hayil Cinaksanitti dhiyoo tana nama 4 fixee rakkuma tattanaan Fulbaanaa asittuu manneen barnootaa 27tti cufame jedhan


Harargee Bahaa
Harargee Bahaa

Harargee Bahaa,Cinaaksanitti Liyuu Hayil nama 4 fixe aanaa kanatti Fulbaanaa 2 jalqabee manneen barnootaa 27ti dhiba kakkanaan cufame
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:49 0:00

Cinaaksan aanaa Harargee Bahaa keessaa tokko. Aanaan kun akka warrii lafaa jedhutti lola waraana naannoo Somaaleeti dhufu,Liyuu Hayiliifu bultii hin qabu.

Kalee fi guyyaa dheengaddaallee akka warra lafaatii fi warrii lafa bulchu jedhutti waraanii kun nama afur fixee shan caalaa mammadeesse.

Barana kana qofa akka bakka bu’aa bulchaan aanaa Cinaksan, obboo Abdurqaadir Dasii jedhutti Liyuu Hayil marroo 7-8 aanaa kanatti nama hadhe.

“lafuma riferendeemii bara 1997 Oromiyaa kutan keessatti nu lolan,” jedha warrii lafaa.

Fulaan kalee fi guyyaa dheengaddaa waraanii kun keessatti nama fixe jedhan Geellaa,Booralee Kaabaa,Hosaalee fi hedduu.

Oromiyaa irraa qawwee guuran jedha tatullee motummaa irra aahin mikranneeffanne.Bahaatti argamaa Geellaa booralee kaabaa fi hosaalee irratti. Dukaasi hamaan Hosaalee irra ture.

Fulaan waraanii kun itti nama hadhe akka bakka bu’aan bulchiinsa aanaa Cinaksan obboo Abdirqaadir jedhetti Fooralee Kaabaa, Cirillee, Makkaniisaa, Qaraaruu fi Gololcha fi fulaa hedduu.

“Misooma ummata keennaa gufachiisuu fi babalifannaa lafatiif lolan.” Ganna dabrellee akka obboo Abdurqaadir jedhutti Gololchaa fi Gololchaa fa.

Manneen barnootaa fi manneen akimiillee lafa irratti nama hadhuutti jiran keessa hin jiranii wariri achi hojjatullee ya aanaatti gale jedha obboo Abdurqaadir.

Manneen barnootaa cufaman kun akka bulchaan aanaa jedhutti sadrkaa 1-8ti. Manneen barnootaa cufaman jedhan Zoonii Makkaniisa.Arddaa Cirillee,Ardaa Kooralee Kaabaa,Tiiroo Guddoo,Gololcha,Qaraaruu fi fulaa hedduu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG