Xurree ittiin seenan

Breaking News

Riyaal Madriid Liver pool 3-1 qaariftee waancaa UEFA irraa fudhatte, Koromiin Kubbaa Addunyaalleen Raashiyaatti Walti Haadhachuutti jiran


Garet Bale goolii qaraa 51',irratti ta lammeessoo fillinqo itti dhawatee jalatti quphanee 84'ti bitaachaan itti cuqqaaleef
Garet Bale goolii qaraa 51',irratti ta lammeessoo fillinqo itti dhawatee jalatti quphanee 84'ti bitaachaan itti cuqqaaleef

Dibbi didibbi,baraqqi babbaraqi,dhawi dhadhawwi jechaa wal duuduuf guyyaa walti eegachuutti jiran.

Korommiin kubbaa milaa addunyaa Waancaa Kubbaa Miilaa Raashiyaa FIFA-2018-tif biyya 32 keessaa filataman dirre Raasiyaatti wayaa keessaa walii walti yaa’uuf walti haadhachuutti jirti.

Raashiyaan tapha kana istaadiyoomii biyya isii 11 keesatti kopheessiti 11n Mooskoo keessa.

Biyyitii 32nuu nama isii deeggaru guurrattee namuu didibbiisaa dhufaa dhibbee dhaanaa dhufa.

Warrii walti dhufu cuftii akka Waldaan Federeshiinii Kubbaa Aiilaa Addunyaa, FIFA jedhetti namu dhaadachaa dhufa.

Gareen Brazil “nu hurjii 5 onnee miliyoona 200 qaman jechaa istaadiyoomii duuddi.

Ingilaandi warra duula kubbaa miilaa addunyaa dhaqeefiin “mootummaan nuu galaa,” jette.

Otoobisuiin ijoollee Argentiinaa deemu “waliin oobajjanna,” jechaa dhufa

Garee Cristiano Ronaldo, Portugal ammoo “Wannii dabre ulfinna wannn itti jirru himna,”jechaa istaadiyoomii duuddi.

Kirooshiyaan ammoo “nu biyya diqqoo qalbii guddooti,” ufiin jechaa Raashiyaatti dabarte.

Kilabootii 32 waancaa kubbaa miilaa addunyaa baranaatiif dabaran 32nuu maqaa ufii qaban.

Kilabiin biyyoolessaa Ingilaandi-Nyeenca Sadeen baafatte.

Kooriyaan Kibbaa ammoo Qeerramsa ufiin jette.

Nyeencii Atlaasa ka Moorookooti.

Rissaan ciwwisaan ka Naayjeraati fi namuu maqaa akka akkaa qaba.

Korommiin addunyaa tun bultii 14 keesatti Raashiyaatti wal geettii abbaa mootummaan galatu walumaan laallaaf.

Waancaa UEFA2018 Riyaal Madriiditti qabaadhate.

Banzeemaatti daqiiqaa 51essoo irratti keessa buuseef,

Bale akkuma jijjiiraniin diqquma miila dhaabatee daqiiqaa 64 irratti kubbaa gama itti kennan jalatti quphanee, fillinqoo dhawatee itti cuqqaale.Daqiiqaa 84essoo irralleetti tokko itti daree Real Madrid Liver Pool 3-1 qaariftee Waancaa UEFA irraa fudhatte.

Madriid tana waliin marroo 13 waancaa kana mootee ganna sadeen dabran siumatti UEFA moohuutti jira.

Zidanii fi kilbiin isaa,Real Madrdi kilabii Awurooppaa marroo sadi shaampoiyoonaa Awurooppaa tahan ta qaraati.

Leenjisaan Real Madrid, Zindaddiin Ziidanii fi kilabin isaa magaala Madridi keessatti gumii kuma dhibba hedduu yaammatanii gammacuun lafa ciruutti jiran.

Maratoonii kalee Otawaaa Kanaadaatti dorgoman dhiiraa fi dhalaalleen Itoophiyaatti qabaadhate

  1. Galatee Burqaa
  2. Hiwot Gebrekidan
  3. Sara Hall(USA)
  4. Betelihem Moges
  5. Aberu Mekuriyaa

Dhiiraan

1.Yemaanee Tsegaayee

3.Addunyaa Taakkelee

5.Derribee Roobii ammoo

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG