Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lola waraanii Liyuu Hayil aanaa Gumii-Eeldalloo fi aanaa Gursum hadheen manneen barnootaa 18 oli ammaallee cufaa jiran


Oromiyaa
Oromiyaa
Lolii Liyuu Hayil aanaa Gumii-Eeldallootii fi aanaa Gursuma keessaa manneen barnoota hedduu cufsiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:10 0:00

Barattootii kutaa 12 Itoophiyaa torbaan dhufu Qormaata Biyyoolessaa,ka yuniversitin seenan fudhatan.

Godinii Oromiyaa daangaa irra ammoo waldhaba gama Liyuu Hayil naannoo Somaaleetii itti dhufuun ijoollee hedduutti barnannoota dhabe.

Daangaan Oromiyaa qaraayyuu lafa lolaa, bonaa fi rakkoo akka akkaatiin bultii dadhabe.Kana keessaa tokko aanaa Gumii-Eeldallootii fi aanaa Gursumiiti.

Gumii–Eeldalloo,aanaa godina Gujii Bahaati, aanaa Liiban irraa bahe aanaa haaraa.Aanaan Gursum ammoo Harargee Bahaati.

Aabba Waariyoo Goollichaa bulchaa aanaa Liibaniiti.Akka innii jedhutti lola waraanii Liyuu Haryil naannoo Somaaleetii dhufee ganda Hadheessaa fi Qoraattii hadheen ganna lamaa asittu manneen barnootaa hedduutti cufaa jira.

"Bara 2009(ALH) jalqabee manii barumsaa kun akkuma cufametti jira."

Manneen barnootaa aabba Waariyoo baanu kun; Halooyyee, Dibbee, Deeressa, Qaxxee Waaree, Caffaa Hiddii,Caffaa Halluu fi Ijaaruu.

Gama qonnaan aanaa Gumii Eeldalloo keessaa misoomii guddaan hin jiruu ka jirullee waraana Liyuu Hayilitti fudhatee keessa jira.

Jallisi Halooyye baadallaa ykn boqqoolloo fi shunkurtii oobrataniinillee hujii misoomaa ta abbaa irraa fudhatan jedhan keessaa tokko.

Warqii waldaan dhaabata Diimaa keessaa jirullee amma waraana Liyuu Hayilitti lolee fudhate akka jecha aabbaa Waariyootti.

Akka loonillee Bisaan Galaanaa hin dhummne labuu taakkuu dhowwe jedha aabba Waariyoo.

"Laftii tun hadhuraa Oromiyaatii Oromiyaallee keessaa lafa Booranaatii dheeda Booranaati ganda Hadheessaa fi Qoraattii keessa jirti.”

Manneen barnootaa Liyuu Hayil ijoollee keessa barachuu dhowwe jedhan kun kutaa 1-4 rakkoo tana mootummaalleen quba qaba.

Haragee Bahaatti aanaan Gursumilleen dhibuma akkanaa qaba.

Obboo Abdii Ahmed,bulchaa aanaa Gursumiiti. Aanaa kana keessaa manneen barnootaa kutaa 1-8 ka 11 tahanitti lola Liyuu Hayiliif ijoolleen barumsa dhabde jedha.

Kudhanii tokkoon keessaa;mana barumsa Warra Guyyee,Warra Alii, Nooliyyee, Kulmiyyee fi Bakakkaa fa.

Manneen barnootaa kunilleen ganna dabree asi cufaa jiran.“Ani erga dhufee ji’a afurii hanga ammaa cufaa jiran,” jedha obboo Abdiin.

Laftii tun akka bulchaan aanaa Gursuma jedhutti Riferendemii bara 1997 irratti Oromiyaa cittee abbaa warraa 300 caalaatti keessa jiraata.

“Bu’uuraaleen misoomaa achi keesatti deemaa hin jiran.”

Ijoolleen durii achi barattu ka dandahu maatiin waliin magaalatti galee kaan barumsa keessa hin jiru jedha.

Godina Booranaa aanaa Mooyyalee keessalleetti rakkuma akkanaatiin ijoolleen horsiisee bulaa hedduun barumsa dhabee qophii itti aantu keessatti itti dachaana.

Ijoolleen horsiisee bulaa duruu waan hedduun barumsa dhabdi.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG