Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amenestii Internashinal Itoophiyaan waraana Liyuu Poolis Oromiyaatti nama fixutti jiru achii baaftee qawwee irraa hiiktee diiguu malte jedha


Amnesty International
Amnesty International

Akka dhaabii mirga namaatii falmu,Amnesty International jedhetti waraanii Liyuu Poolis torbaan kana keessaa Oromoo naannoo Somaalee,jiran irraa manneen Oromoo 48 gubee gara Oromiyaa aanaa Cirootti baqachiise.

"Mootummaan Itoophiyaa Liyuu Poolsi irraa qawwee hiikee poolsii seera mirga namaa addunyaatiin bultu achi kaahuu male,” jedha Amnesty International.

Bulchoota seera hin qamne tana namatti dhiisuu hin mallee, jetti daarekteri Amnesty International Damee Afrikaa gama Bahaa fi Haroolee Gugurdoo, Joan Nyanuyki.

Caamsaa 23, 24 torbaan tokkoon duralleetti akka Amnesty International jedhutti waraanii kun Haragee Bahaa aanaa Cinaksen lolee olloota afur hadhee qonnaan bulaa nama afur fixee manneen 50 caalaa gube.

Akka dhaaba Amnestiitti Internaashinaalitti waan lamatti tahu malee jedha; Oromiyaa keessatti karaan poolisiin hojjattuun seera qabaachuu male, lammeessoon ammoo waraana seera malee nama fixuu ammoo karaa dhugaatii fi qajeelaan himachuu.

Bara 2017 asitti akka Amnesty Intentional Koomishiinii Tohannaa Balaa fi Ittisa Balaa Itoophiyaa fi OCHA maqeeffatee jedhetti waraana Liyuu Poolis Oromiyaa hadheen nama dhibba hedduutti dhumatee miliyoona tokkoo olitti baqate.

Tana maleellee Amenestiin akka Itoophiyaan seera riferendiimii bara 2004 keessaa daarii Oromiyaatii fi Somaalee gargar baaseen hojjattee rakkoo tanaa fala barbaaddu gaafate.

Waan gabaasa Amenestii kana irratti deebiin mootummaan Itoophiyaa nuun hin baane.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG