Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka Bulchootii Isii jedhanitti Mooyaletti ijoollee 4,000 Caalanitti Lola Liyuu Polisiitiin Barumsa Dhabe


Dira Mooyyalee footoo tana bara 2008 keessa kaasan
Dira Mooyyalee footoo tana bara 2008 keessa kaasan

Godina Booranaa aanaa Mooyyaleetti akka bulchooti jedhanitti waraana Liyuu Poolisitiin ijoollee kuma hedduutti barumsa dhabe
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:44 0:00

Akka bulchaan isii aabba Aschaalewu Yohaannis jedhetti Mooyale lafaa waraanii oolmaa fi bultii dhowwee ka baratuu fi ka hojjatee bululleen jireennuma gaargalaa keessa jira.

Laftii tun lafa miisoma biyyiti argattellee dhabdee gaargala hamaa keessa jirtu jedhan bulchootii isii.

Karaa isii goomittaa qabdullee dhiyoo lolaan irraa fudhatee waraana naannoo Somaalee ka Liyuu Poolisiif jedhanii hojjachuullee dadhaban.

Akka aabba Ashcaalewu jedhetti waraanii lafa tanatti dedeebi’u ijoollee 4,000 olitti barumsa dhabe.

Ardaan ijoolleen keesatti barachuu dadhaban akka bulchootii isii ka aabba Ashcaalewu Yohaannis,bulchaa aanaa isii aabba Baggajjaa Morgee faatii jedhanitti mana barumsa sadarkaa lammeessoo Qabbanaawaa,mana barumsa sadarkaa tokkeessoo Maddoo-Miigoo, mana barumsa ganda 02, mana barumsa Shawaa-Barree, Caamuqi, Xiillee,Laga-Suree,Malabii fi Arbale faatii manneen barnootaa ijoolleen itti barachuu dadhabde.”

Ijoolleen manneen barnootaa kana keessaa baratan kutaa 8,10 fi 12 baratanillee dhabaa mannaa jedhanii akkuma taateefuu Qormaata Biyyoolessaa fudhachiisuuf abbaa dandahan manneen barnootaa dhibiitti ergan.

Ta barattulleen sadarakaa tokkeessoo fi qophaaninaa faatilleen dhibuma akkanaa keessa baratan.

Bulchaa aanaa Mooyyalee namii akka aabba Baggajjaa Morgee faatii Mooyyale lafa abbaa dhabdee misooma Oromiyaan argachuutti jirtu jedhanillee dhabde.

Mooyalee ammallee akka bulchotii isii ka akka aabba Aschaalewu Yohaannis faatii jedhanitti karooruma bara mootummaan Dargii keessa baasaniin bultuutti jirti.Adoo silaa amma laalanii lafa isumaa ganda 6-7tti bahuu dandeettu jedha.

Dira Mooyyalee akka bulchaan isii jedhutti nama 75,000 caalaatti keessa qubata laftii mirgaa fi bitaalleen namii itti qubachaa deemuumumatti jira.“Mana qopheessaa callaan bulchuu hin dandahan,” jedha aabba Aschaalewu.

Bulchaan aanaa Mooyyalee aabba Baggajjaa Morgee Mooyyalee lafa nama millatu dhabde, niitii dhiirsa lama qabdu taatee buluutti jirtu jedha.

“Mooyyalee ammallee ganduma gaafa Dargii kennaniinin buluutti jirti.Amma yoo gargar baasan ganda 7-8 tahuu dandeetti.Gandii magaala jala hin galinilleen gara shanii hin jira. Namii Mooyalee keessa jiru lakkoofsa nu qamnuun nama 75,594.”

Akka bulchootii isii jedhanitti Oromoon Moyyale lafuma ufii irratti lubbuu dhabduutti jirti. “Mooyyalee akka warri lafaa jedhutti ila Booranaati,ila Oromoyaan Keenyaa fi biyya alaatiin walti daanditu.

Akka bulchaan aanaa Mooyyalee aabba Baggajjaan jedhetti aanaa Mooyyalee keessaa nama kuma 362 caalaatti qubata lafttii tun handhuraa Oromooti.

“Nu lafa teenna irraa hin godaannu gara tokkollee hin yaanu.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG