Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ganna lamaa asitti godinoota Oromiyaa waraanii Liyuu Poolis keessatti nama hadhu keessaa manneen barannootaa 159ti cufame


Ministirii Baranootaa
Ministirii Baranootaa

Godina Oromiyaa afur keessaa ganna lama keessatti manneen barnoota 159ti cufame,caaccabe,saamame
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:21 0:00

Godinii Oromiyaa naannoo Somaaleetiin walti dhiyaatu dhiba guddaa keessa jiraa ganna lamaan kana fa keessa bu’uura misoomaa hedduullee irraa akka fedhetti faayidaa argachuutti hin jiru.

Rakkoon tun ganna lamaan dabaran fa guddoo hammaatte jedha itti gaafatamaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo.

“Walumaa gala godina Harargee lamaan, Baalee,Booranaa fi Gujii lamaan keesatti manneen baranotoaa 159 tahanitit cufaman, samaman ykn caban.Gatiin isaa qarshii miliyoona 43.3 oli.”

Ka maatii waliin naannoo Somaalee Jijjigaa baqatanii dhufan waliin ijoollee 65,000 caalan akka kanaan barumsa isaanii male dhabe,jidduutti kute.

Taatullee akka Dr.Tolaan jedhutti ijoollee tana gara manneen barnootaa nagaa tahanitti geessanii barsiisan.

Oromoo Jijjigaa baqatanii dhufan magaalaa Oromiyaa 11 keessatti qubsiisanii ijoollee warraallee manneenuma itti dhiyaatan keessatti barsiisan jedha Dr.Tolaan.

Taatullee ammallee ijoollee 22,000 tahanitti akka Dr.Tolaan jedhetti barumsatti hin galmaahin.

“Eegii dhufanii yeroon barumsaa waan isaan darbeef.Rakkoon tokko kan nu qunname ijoolleen kun achitti Afaan Somaaletiin baratan.Asitti Afaan Oromootiin barumsa kennina,” jedha Dr.Tolaan.

Ijoollene hin galmaahin hagii guddaan ijoollee didiqoqo akka jecha Dr.Tolaatti.

Ijoollee 65,000 tun kutaa 1-12 baratan manneen barnootaa itti dhiyaatanitti raranii barsiisanillee kutaa silaa nama 40-45 qofa qabatti jedhanitit ammoo akka jecha itti gaafatamaa Biiroo Barnoota Oromiyaatti ijoollee 70-80 tahan walti naqanii barsiisan.

Gaafa Oromoon kuma hedduu Jijjigaa baqatte sun barsiisota 437 achii dhufee jara kanallee ya hujii qabsiimne jedha Dr. Tolaam.

Ijoollee manneen barnootaa kanatti galchanilllee akka jecha Dr.Tolaatti nyaataa fi mi’a barnootaallee hinuma kennaniif.

Biiroon barnootaa ganna dhufu keessaa manneen barnootaa caacaban kana jaartee hujiitti deebisuuf akka jecha Dr.Tolaatti bajata baafattee itti jirti taatullee laftii itti baratan sun nagaa tahuu malte qaraa. Itoophiyaatti dhiyoo tana ijoollee kutaa 10 fi 12tti Qormaaa Yuniversitin seenan fudhate.

Lafa Liyuu Poolisiin keessatti nama aatu ammoo akka maatiin ijoollee jedhanitti ijoolleen hedduutti qormaata kana hin fudhatain adoo fudhatanillee ittuu hin qophoomne.

Akka Dr.Tolaan jedhutti ammoo maatii waliin mari’atanii hin barannee jedhnii qormaata fudhachu dhabu mannaa fudhachuu wayyaa jedhanii fudhachiisan.

Oromiyaa keessa akka jecha itti gaafatamaa Biiroo Barnootaa Oromiyaatti manneen barnootaa 16,000 jiraa ijoollee miliyoona 10ti keessa barata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG