Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tapha Kubbaa Miilaa Addunyaatti Raashiyan biyyaa fi biyyee isii irratti Sawudii lafumaan qotattee buffisfte goolii 5 itti faatee 0 galchite


Goolii Raashiyaa ta qaraa gurbaa gama mirga kana Yuri Gazinskyit galchee achi kaatee shan taate
Goolii Raashiyaa ta qaraa gurbaa gama mirga kana Yuri Gazinskyit galchee achi kaatee shan taate

Raashiyaan dorgommii kubbaa miilaa addunyaa FIFA 2018 qopheessuuf guddoo itti dadhabdee ganna saddeetti itti qophoofte. Istaadiyoomii biyyitii 32 keessatti taphattu 11 qopheessuuf doolara biliyoona hedduu itti baafte.

Keessummaa biyya biyyaa kuma dhibba hedduutti itti dhufaa muddamsuufuu lubbuu hin qabdu.

Gama kubbaa miilaa kanaan waan guddoo faarsan qabaachuu baattullee ijoolleen hardhaatiin Sawudii 5-0 dhidhimsite.

Goolii qaraa Iury Gazinsky daqiiqaa 12essoo irratti keessa buuseef goolii lammeessoo fi sadeessoo ijoollee taphatti jijjiiraniin tArtem Dzyuba fi Denis Cheryshev(2) galche.

Saatii hobbaate keessatti ammoo Aleksandr Golovin ijoollee Sawudii ufi jibbaatee chochohuuyyuu dadhabde bira dabree goolii shaneessoo itti dareefii Sawudii Arebiyaan goolii shan baattee tittimaa istaadiyoomii keessaa baate.

Raashiyaan sadarakaa FIFAn bara 2018 baaseen dandeettii kubbaa miilaatiin 70essoo jirti.

Sawudiin marroo afur dorgommii akkanaatii dabartee taatullee takkuma hin moone. Sadarkaa FIFAn baaseen dandeetii kbubaa miilaa isiitiin 67essoo jirti.

Raashiyaa fi Sawudii Arebiyaan garee A jala jiran.Raashiyaan tapha hardhaatiin qabxii shan qabdii Sawudiin ammoo lizqee _5 qabxii.

Itti aante Raashiyaan bultii 11 duubatti Uraagaay waliin taphatti Sawudiilleen akkanuma bultii 11 duubatti Masrii waliin taphatti

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG