Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiirtii addunyaa walti filan dorgommii kubbaa miilaatiif Raashiyaatii waltuma jirti gurbaan Naayjeriyaa Iceland lama dhahee lafaan gahe


Goolii lamaan gurbaan NaayjeeriyaaAhmed Musa Ice Landitti galchetti Afrikaafuu abdii tahe
Goolii lamaan gurbaan NaayjeeriyaaAhmed Musa Ice Landitti galchetti Afrikaafuu abdii tahe

Qara 32 tti hirikki walti jedhe waluma jalaa bu’aa 16 walti hafuuf yaahuutti jiran. Dhiirtii Afrikaa mataa waraana kubbaa miilaa addunyaatti ergatte ta biyya shanii keesaa filan sadii ya fa’attee galiisaa karaatti buute.Lamaan hafan abdii Afrikaati; Senegaalii fi Naayjeriyaa.

Senegaal tapha guyyaa duraa irratti Poolaandi 2-1 gangalfatte torbaan dhufu ammoo Kolombiyaan gir walti jetti Afrikaalleen faanuma isii jirti.

Naayjeeriyaan hardha Ice Land 2-0 qaarifatte tun torbaan dabre ammoo isiiyyuu Kirooshiyaatti 2-0 carasse.

Biyyitii diqqayyoon Idoola keessa jirtu Iceland miila gurbaa Naayjeriyaa Ahmed Muusaa irraa hin hamnee 2-0 qaarsian.Goolii lamaan gurbaan isii ka EPL keessa Leser Sitii taphatu galchetti Naayjeeriyaa dabarse.

Iceland biyya diqqayyoo ummatii isiilleen nama 335ti.Jabeenna hedduun himatan taatullee hardha hin taaneef.

Naayjeeriyaan Iceland 2-0 qaarifte tun itti aantee Arjetiinaan walti buuti.Gurbaan Naayjeeriyaa goolii galche kun Ahmed Muusaa goolii qaraa daqiiqaa 49essoo irratti ta lammeessoo ammoo daqiiqaa 95essoo irratti keessa buufate.

Tapha hardha Kostrikaa fi Biraazil waliin tapahtan irratti Biraazilitti daqiiqaa 6 keessatti goolii lama galfate moohe. Jahaanuu eegii taphii daqiiqaa 90 dhumate itti daraniif galte.

Biraazililleen Kostaarikaa 2-0 qaarifatte.Goolii Biraazil Filipee fi Neymaaritti galcheef.Biraazil ammallee guyyaa shaniin duubatti Serbiyaan walti deebiti.

Tapha kubbaa miilaa kana iratti haga ammaatti goolii 26 galee marroo 58 taphatan.Masrii, Morookoo, Peeruun faatii ya keessaa galanii hedduutti faana jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG