Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bombii hardha Finfinnee waltajjii Masqalaatti tokkaateen nama 115 madaahe nama sun keessa jiru dubbifne kunoo caqasaa


support of the new Prime Minister Abiy Ahmed in Addis Ababa

Bombii Finfinnee Dirree Masqalaatti tokkosan nama 115 madeessitee namii 15 madaa hamaamtuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:44 0:00

Bombiin tun yoo muummeen ministeraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmed ummata isa galateeffachuuf Dirree Masqalaatti dhufee dubbatee gadi taa’ee tokkaate.

Akka koomishineerii poolisii Finfinnee Girmaa Kaasaa jedhetti nama 115 madaahe keessaa 15 madaa hamtuu. Tana maleellee namilleen yo baqatu wal irra ejaajjatee guddoo wal miidhe.

Madoolee keessaa nama 57 hospitaala Xiqur Anbessaatti akimuutti jiran.Akka jarii nu dubbifne jedhetti waltajjii bombiin biratti tokkaate sun muummee ministeraatii fi bulchoota Itoophiyaa hedduutti keessa jiraa yoosuma fuudhanii baqataniin.

Dr.Abiyyi yoosuma harkumaan biyyatti nagaa dhaamatee poolisiin fuutee baqatteen. Waltajjii sun irra isaatii fi itti gaafatamtoota mootummaa federaalaa hedduutti tataa’a.

Akka warrii nu dubbifne jedhetti nama miliyoona sadii caala ka Dirree Masqalaatti Dr.Abiyyi hujiin galateeffachuuf dhufe.

Mee kunoo kana caqasaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG