Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan ganna 242n Duratti Bilisoomte Demokiraasii Mi’effachaa Deemumati Jirti Taatullee Siyaasaan Qalbii Nama Hedduu Gargar Faffageesse


US flags are seen near the Mall in front of the US Capitol in Washington, DC
US flags are seen near the Mall in front of the US Capitol in Washington, DC

Amerikaan hardha Adoolessa 4,guyyaa bilisummaa isii ulfeeffachuutti jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:59 0:00

Amerikaan ganna 242 hardhaa Bilisoomte Demokiraasii Isii Mi’eeffachaa Deemumatti Jirti Taatullee Ammallee Garaa fi Qabliin Namaa Siyaasan Gargar Fagoo

Amerikaan, USA jennuun maqaan isii gurra addunyaa guute tun ganna 242 hardhaa Biritish jalaa baatee bilisoomte.Adoolessaa 4, 1776 irra Bilisummaa lsabsatte.Ganna 242 duratti dhalattee jechuu.Baruma 1776 sunii jalabdee haga 1783 waraana Biriitish haatee ufi keessaa baafte.

Guyyaa bilisummaa kana abbootii Amerikaa yayyaban American founding fathers jedhan George Washington, John Adams, Thomas Jefferson, James Madison faatti nama akka, Alexander Hamilton, James Monroe fi Benjamin Franklinii fi nama hedduu ufitti daratanii lsaban.

Akkuma gadaan teenna nama isii yayyabe qabdu Amerikaalleen nama Amerikummaa labseef qabdi.Bilisummaa Amerikaa kana bulchota godina 13tti qaraa labsate.

Ittuma daramaa eegee yaahuma yaahanii godinii 50nu bilisummaa labsatee waldaa tokkummaa Amerkaa USA tahan.

Jarii Amerikaa yayyabe kun bara 1775 keessaa godina Filadelfiyatti walti dhufee mari’atee bittaa Biritsh ya jalaa baane jedhee labsate.

Amerikaan godina 50 qabdu haguma biyya 50 walti qubattee geetti.Nama miliyoona 350 caalatti isii keessa qubata.Guyyaan bilisummaa sun hardha irra oolu kanaaf jedhani Amerikaatti hardha hojjaan hin jirtuu biiroleen mootummaallee cufaa.

Guyyaa akkanaa kana namii firaa fi fiixaan,dhalaa fi hariyaan walti yaahee kaan cichaa duratti,kaan ammoo qaheetti yaahee foon waddata.Baandii hedduutti karaatti yaahee biyya gamachiisa.

Galgala kana ammoo qaheetti yaahanii qaanqee waaqa keessaa facaasanii lafa halkaniin guyyaasan.Qaanqeen akka saati Itoophiyaatti galgala waarii gara saatii 3tti diidatti yaahanii daqiiqaa 15 caalaa dhudhuqqisan tana nama kuma hedduutti bahee daawwata

Bilisummmaan Amerikaa mi’eeffachaa asiin baate tana keessa ammoo namii siyaasaan wal hadheeffatee fala barbaadachuutti jira.

Waan irratti wal dhaban waan irratti walii galan barbaadatanii demokiraasii miheeffachaa yaa’uu fedhan.Taatullee ganna diqqaa asitti hiriira mormii hedduutti mumullata.Kaan rakkoo baqataatif iyyaa,kaan mirga ufiitiif iyyaa waan hedduutti wal keessa.

Abbaa seeraa mana murtii walii galaa Amerikaa yuubomee hujii irraa bu’uuf deemutti jiru, Kennedy Antoni nama isa fulaa bu’u akka itti filuu malan irralleetti falamaatti jira.

Sentor Elizabeth Waaren godina Masachuseii filamte.

“Namii kahuutti jira. Doonaldi Tiraampi nugsaaniti.Haga kongireesiin Amerikaa eeyee jedhutti namii tokkolleen dhahaattuu hulluuqee abbaa seeraa mana murtii walii galaa tahuu hin dandahu.”

Warrii pirezidaanti Tiraampu jaalatulleen Tiraampi ashuu goohannaa DC dhiisee jabeennaa Amerikaa deebisuuf hujiitti seene jedha.

Tiraampi ammoo Amerikaa baddee barbadachuutti jirraa jedha.“Jabeenna keenna deeffachuutti jirra.Hujii teenna deeffachuutti jirra.Badhaadha keenna kaan deeffachuutti jirra.Nama dadansaa Amerikaatiif jennee waan Amerikaan beekanii fi dharraaneef kaan deebifachuutti jirra jedha.”

Jabana pirezidaantii Tiraamp kana keessatti namii guddoo siyaasaan afaan murtoo murullee walti dubbata.Herregaan wal hanqatee afaan hamoo waliin jedha.

Daarektera FBI ka durii akka innii waan Tiraampiin himatan qoratu tolchuullee nama hedduu gammachiise.

Namii paartii Rippaabilikaaniif Kongireesii Amerikaatii filatam ka akka Trey Gowdly faatii wannii akknaa kun waan gargar nama qoodaati jedha

“Waan jalqabde maan… abbaa isii fixi. Maaf yoo jettee biyyii tun la gargar haharcaateeyyuu.”

Biyyitii herrega siyaasaatiin amma akkanaa gargar fagaachuun waan jiraati tun ammoo waan nama sodaachisaati jedha namii himana beeku ka akka Allaan Lichtman.

“Herrega mataa kiyyaatiif, siyaasaa ani gula deemuuf,abbaa fedhe waan ani jaaladheef lafa ani dhufeetiif gosa tiyyaa jedhanii qooda ani Amerikaa keessaa na baasanii jedhee herrega namii Amerikaa hagii tokko. keessaa ya baasan jedhee ufi laala. Dhugumallee nu durii waan akkanaa kana hin beennu.”

Qorattootii siyaasaa Amerikaa namii akka Frans Newport faatii ammoo akii Tiraampi biyyaan bulchutti qalbii siyaasaa Amerikaa gargar balleesse jedha.

“Tiraampi mataan isaatuu nama nama gargar qoodu namallee yaadaan wal hanqisu. Wannii innii nama tolchuutti jiruu fi garii inni biyya tana ittiin deemuutit jiruuyyuu waan nama yaaddessaati jedha.”

Hardha ammoo siyaasaa lafuma dhaabaniii gammachuu guyyaa bilisummaatti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG