Xurree ittiin seenan

Breaking News

Parlaamaan Itoophiyaa maqaa ABO,ONLF fi Arbenyooch Ginbot 7n, dhaabbilee biyya nagaa dhowwan jedhee maqaa itti baase kaan hardha irraa haqe


Federal Parliamentary Assembly
Federal Parliamentary Assembly

Parlaamaan Itoophiyaa maqaa ABO,ONLF fi Arbenyoch Ginbot 7tiif, dhaabbilee biyya nagaa dhowwan jedhee maqaa ganna hedduun duratti itti baase kaan hardha irraa balleesse.

Marii Maree Federeshiniillene torbaan dabre keessaa jara kana maqaa sun irraa haqee dubbii tana parlaamaatti dabarse.

Siyaasaa Itoophiyaa karaa itti bal’isee akka namuu qooda keessaa qabaatu tolchuuf tana tolchan jedhan.

Akka miseensii parlaamaa jedhutti deemsii kun hujii siyaasaa Itoophiyaa jabeessaa,akka biyya nagaa fi seeraan bulchaan tolchee nagaan dhufa.

Tana maleellee parlaamaan kun bajata mootummaa Itoophiyaa ganna dhufuu birrii biliyoona 346.9 mirkanseef.

Bajetii tun ta ganna kanaa birri biliyoona 3.6n caalti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG