Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Abiyyi Itti Aanaa Pirezdaantii Yunaaytid Isteets Wajjin Mari'atan


Muummeen Ministiraa Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad Jimaata harraa itti aanaa pirezdaantii Yunaaytid Isteets wajjin wal arganii dhimmoota adda addaa irratti mari'achu ibsi masaraa mootummaa Ameerikaa, Waayit Hawusii bahe beeksise.

Itti aanaa pireezdaantiin Yunaaytid Isteets Maayik Peensi, hariiroon biyyi isaanii bara dheeraadhaa Itoophiyaa wajjin qabdu cimee itti fufa jedhanii, tarkaaffiwwan gama mirga dhala namaa foyyeessuu, haroomosa game invastimantii fi diinagdee mootummaan Itoophiyaa fudhachaa jiruu muummee ministiraa Itoophiiyaa Dr. Abiyyi Ahimad dinqisiifataniiru. Maayik dabaluudhaniis, Eertiraa wajjin nagaha buusuu keessatti hojii Dr. Abiyyi hojjatan faarsuu isaanii ibsi Waayit Hawusti waajjira itti aanaa pirezdaantiitii harra bahe eereera.

Itoophiyaan nagaa Gaafa Afrikaa fi naannoo sanii argamsiisui keessatti hooggansa agarsiisaa jirtu akka itti fuftu an jajjabeessan Maayik, biyyoonni lamaan (Itoophiyaa fi Yunaaytid Isteets) gama investimentii fi daldalaatin hojiin wajjin hojjatan daraan akka cimu jajjabeessuu ibsi bahe in agarsiisa.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG