Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii ispoortii kahima Itoophiyaa Oromiyaatti itti jiranii isumatti warqii 53 guurratee dura jiraa naannoo Amaaraatti itti aana


Wal dorgommii dargaggoo Oromiyaa bara 2016.Dorgommiin tun ispoortii qofaa mitii aadaallee ta itti wal irraa baratan
Wal dorgommii dargaggoo Oromiyaa bara 2016.Dorgommiin tun ispoortii qofaa mitii aadaallee ta itti wal irraa baratan

Dorgommii ispoortii dargaggoo Itoophiyaa Oromiyaatti warqii hedduun galate
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:04 0:00

Dorgommii guddattootaa Itoophiyaa baranaa Oromiyaatti itti jiranii isumatti warqii 50 oliin dura jirallee naannoon Amaaraa ammoo lammeessoo jirti

Ijoollee kahimaa 2,5000 dorgommii guddattootaattiif Asallaa,Adaamaa fi Bishoofuutti walti jira.

Dorgommii tana akka haga kaleetti Oromiyaatti warqii 53n dura jiraa naannoo Amaaraatti warqii 52n faana jira.

Ijoolleen tun ispoortii 17n wal dorgomuutti jirti ta baranaa waliin dorgommiin akkanaa tun 6essoo.

Dorogmmiin tun ispoortii qofaa mitii lafa itti walti dhufanillee horiin dhfutiif.Akka itti aanaan itti gaafatamaa biiroo dhimma dargaggootaa fi ispoortii Oromiyaa, Fissihaa G/Mesqel jedhetti Adaamaan qoftii qophii torbaan lamaa tana irraa birrii miliyoona 30-40 irraa argatti.

Kaan hujii argataa,kaan ammoo waan qabu itti gurgurataa namuu wa keessaa argata.Tana maleellee naannoon Itoophiyaa walti dhufan waan qaban wal irraa baratan.

Ijoolleen dorgommii tanatti jiran ganna 17 gadi.Akka amma itti jiranitti naannoon madaaliyaa warqii 30 oli aragatee sadeessoo jirtu naannoo Kibbaati.

Dorgommii guddattootaa tun torbaanuma kana keessa hobbaati.Ijoollee achii filan ammoo ykn “academy” keessatti walti qabanii guddisanii ykn ammoo kilabiitti guurrata.

Ijoollee hedduutti akka kanaan oli guddachaa bahee addunyaa keessatti maqaa baafate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG