Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Eertiraa fi Jibuutii araarsitee waan nama isii kuma hedduu hagii guddaan Oromoo Jibuuti baqachiisellee bulchootaan wal haasofte


Jaarsummaan Itoophiyaa Jibuutii fi Eertiraa walti araarsite
Jaarsummaan Itoophiyaa Jibuutii fi Eertiraa walti araarsite

Itoophiyaan ta Eertiraa nagaan fixattee Jibuutii fi Eertiraalleen faluma faltee araarsite
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:30 0:00

Bulchootii Itoophiyaan dhiyoo tana Eeritiraa fi Jibuutii jidduu maruutti jiran. Muummeen ministera Itoophiyaa,Dr.,Abiy Ahmed imaltuu Chaayinaatii galee Eertiraatti goree pirzidaantii isii Isaayyaas Afewarqii waliin embaasii Eeritraatti banatte eebbisan. Achumaan buufta doonii biyya sunillee dhaqanii laalan.

Itoophiyaan akkuma rakkoo Eeritiraa waliin qabdu furatte akka ministeri haajaa alaa isii, Dr.,Warqinee Gabayyoo jedhetti rakko Jibuutii fi Eertiraa waliin qabdullee faluuf itti jirti.

Ministeri Haajaa Alaa Itoophiyaa,Dr., Warqinee Gabayyoo waan wal dubbatan hardha VOA Afaan Oromootti hime.

Itoophiyaan fi Eeritiraan rakkoo ganna 20 caalaa nagaan buufatan.Jibuutii fi Eeritiraan ammoo ganna 10 caalaa wal dhaba malee womaayyuu waliin hin qabaanne.

Akka Dr.,Warqineen jedhetti Jibuutii fi Eertiraan wal hin hadhanii nagaallee waliin hin qaban.

Wal hin dubbisan.Kana qofa osoo hin tahin Suudan waliin rakkoon inmullata Eeritiraa.”

Rakkoo naannoo tanaa fala itti barbaaduuf ministera haajaa alaa Eeritraa, Somaaliyaa fi Eeritaatti Fulbaana 8,2018 Jibuutii dhaqee pirezidaantii biyya suniitiin wal dubbatanii nagaa buufatan.

Jarii kun akka ministerii haajaa alaa Itoophiyaa jedhetti jaarsummaa Itoophiyaatti walii galche.“Yaada hooggantoonni dhiheessan gammachuudhaan fudhatanii rakkoo jiru waltti dhiyaatanii taahanii hiikuuf walii galanii jiran.”

Jibuutii fi Eertiraan daari lafaa irrati wal dhabanii nama walii wal irraa hidhan. Amma ammoo waan dabre bira dabranii walii galan

“Kun ijifannoo guddaadha Gaanfa Afrikaaf.Nageenya .South Suudanis haaluma kanaan deemuutti jira.Torbaan dhufu keessa.”

Jaarsummaan Itoophiyaa akka Jibuutii fi Eeritraan afaan walti qabbanaahan tolchite.

Itoophiyaan akka ministerii haajaa alaa isii Dr., Warqineen jedhetti akka Afrikaa gamii Bahaa nagaa qabaatu fedha.

Nagaa kanaan Itoophiyaa namii isii horuma horee miliyoona 100 bira dabre faaddaa guddaa jalaa argata. Kanaaf hojjachuutti jirti jedha.

Jibuutii keessaa nama Itoophiyaa hagii guddaan Oromootti wal dhaba daariitii naannoo Somaaleetii fi naannoo Oromiyaa gula dhufeen namii 6,000-7,000 baqate.

Dr. Warqineen gaafasuma biyya sun dhaqee pirezidaantii biyya suniitiin wal dubbatee wannii sun dhaabatte.

Horii saamame deebisuu fi jarallee qubachiisuuf waan hedduu irratti wal dubbatan.

Pirezidaantotii Jibuutii fi Eertiraalleen kora itti aanutti walti dhufanii akka dansaa wal haasahuuf koratan.

Faluma araaraa Itoophiyaan dhooftee kanaan Eeritran waldaa IGAD durii keessaa baatettti deebi’uuf deemti.

Itoophiyaan torbaan dhufullee bulchoota Suudan Kibbaa Finfinneetti yaamte wal mari'achiifti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG