Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromoon Karrayyuu bisaan warshaa Mata-Haaraa,Nuuraa Heeraa irraa nutti gorsan,kemikalii fi laga Hawaasiiin lafa dhabuutti jirra jedha


Oromoon Karrayyuu waan hedduutti isaa fi horii isaallee dhabsiisuutti jira(Footoo tana Rooba Bulgaatti VOA kenne)
Oromoon Karrayyuu waan hedduutti isaa fi horii isaallee dhabsiisuutti jira(Footoo tana Rooba Bulgaatti VOA kenne)

Oromoon Karrayyuu waan hedduun lafa dhabuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:10 0:00

Quftumii Oromoo Karrayyuu Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti. Fantaallee ganda 18 qabdi. Quftumaan Finfinnee irraa km 200 fagaatan.

Akka warrii lafaa jedhutti aanaa isaan nama kuma 100 dhiyaatutti keessa qubata.

Laftii Karrayyuu laakkuma dhiitee bariituun dhiphachaa deemti.Rakkoon Karrayyuu lafa dhowwuutti jirtu tun waan ganna 35 oliiti

Dhiphuun tun waan warrii haga guddaan buluunuu gaalaa, re’ee fi loonuu lafa dhabuutti jiran.Laftii Karrayyuu teessumaanuu oowwichoo,quftumalleen naannoo Rift Valley keessa jirti.

Akka warrii lafaa jedhutti Karrayyuun waan hedduutti lafa dhowwe;bisaan laga Hawaasii, bisaan Warshaan sukkaara Mataa-Haaraatii fi warshaa burtukaana Nuuraa Heeraati.

"Bisaan warshaa mataa-haaraa fi nuuraa heeraatii itti gadi dhiisan bisaan hadheessee lafallee gosse" footoo tana Rooba Bulgaatti VOA kenne
"Bisaan warshaa mataa-haaraa fi nuuraa heeraatii itti gadi dhiisan bisaan hadheessee lafallee gosse" footoo tana Rooba Bulgaatti VOA kenne

Obboo Jiloo Fantaallee warra lafaati. Dhiphu guddo qamna jedhee VOAtti hime.

“Wasrshaan Sukkaaraa Mataa-Haaraatii fi warshaan birtukaana Nuuraa Heeraa afaan Hawaash gubbaa ibsaa dhaabuudhaan warshaa kana narraa rukatan jedhee bisaan galaanaa gaaraa bu’u ka gara Birreentii,gara Meettii kana hunda goddobanii, goddobanii lafa golba tokkotti jiraa Buraa-Haraa jedhamtii bisaan kana deebisan.Roobii roobuu hunda asitti deebi’aa.”

Akka inni jedhutti durii bisaan kana Hawaashitti fuudee deemaan malee qahee warraa hin ciisan. “Amma deemee deemee lafa ajaahiba nurraa fudhatee humnaa oli nutti tahee akka hamaa nu miidhee jira.”

Intala Karrayyuu--footoo tana Roobaa Bulgaatti kaasee VOA kenne
Intala Karrayyuu--footoo tana Roobaa Bulgaatti kaasee VOA kenne

​Warshaan kun akka obboo Jiloon jedhutti naannoo Karrayyuutti dhibumaan dhufe. Bulchootii warshaa kanaa waan wara lafaatii hojjachuuf waadaa galan hedduu hin tolchineef.

Isuma akka obboo Jiloon jedhetti waan warrii qabuu irraa balleesse. Waan bisaan kanaan badan jedhan keessaa mana barumsaa maatiin Guddinnaa Tumsaa jaareef sadarkaa 1-10 itti baratan fa. Kun ganna 8n duratti bade.

Taatullee dhaabii ammallee fulaa dhibiitti jaareef.

Bisaan kun mana akimii Oromiyaan jaaretellee akkuma sun irraa fudhate.Tana maleellee Karrayyuun paarkii lafa isaaniitti jaaraniin lafa dahbuutti jiran.

Roobaa Bulgaa nama ganna mana 30 keessa jiru. Amma US yuniversrii Boston damee Brandies masters lama walti barahuutti jira https://www.brandeis.edu/

Rakkoo Karrayyuu marroo hedduu qoratellee.Rakkoon guddon bisaan qulqulloo,rakkoo fayyaa,rakkoo lafaa fi waan hedduu himata.

“Karrayyuu rakkoo guddaatti jira.,Rakkoo bisaaniitti jira. Bisaan ammoo lubbuu. Warra dura barate carra barumsa argate keessaa ani dura jira.Rakkoo fayyaatti jira”

Akka innii jedhutti bisaan lafa isaan irra ciisaa kun lafa irraa fudhachuutti jira. Bisaan gamuma gamaa Karrayyuutti goran haroo Hogobaa ykn Basaqaa jedhan ta durii km2 3 hin caalle amma km2 42 geette jedha.Akka kanaan namaa fi horiilleen lafa dhabe.

Bisaan Karrayy irraa lafa fudhatan kun karaa hedduu kutan(Footoo tana Rooba Bulgaatti VOA kenne)
Bisaan Karrayy irraa lafa fudhatan kun karaa hedduu kutan(Footoo tana Rooba Bulgaatti VOA kenne)

Bisaan kun mana barumsaa durii innii itti barate Guddinnaa Tumsaa jaareef irraa fudhate.Bisaan kun karaan baaburaa Finfinnee Jibuutii deemulleen gargar kutan.

Fantalle,laftii namii Karrayyuu keessa qubatu akka Roobii jedhutti haguma km 200 Finfinnee irraa fagaatti achumatti namii rakkoo akka malee miidhamuutti jiraa jedha.

Rooba Bulgaa nama jireenna Karrayyuu jijjiiruuf jedhee fiilmii “jeans and marto” jedhu hojjate. https://www.filmlinc.org/films/jeans-marto/

Rakkoo lafaa ummatii Karrayyuu himatu tana hardhaaf gama mootummaatii deebii hin arganne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG