Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Oromiyaa Maanguddootaa fi Dargaggoota Gaamoo Wajjiin Walga’ii Deebi’e


Marii araaraa maanguddoo fi ijoollee kahimaa Oromoo fi Ummata Gamoo

Marii araaraa jaarrolee Oromootii fi jaarrolee ummata Gamoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:36 0:00

Hoogganaan biiroo dargaggotaa fi ispoortii Oromiyaa, Dr. Milkeessaa Miidhagaan kan hoogganame gareen dargaggootaa fi Abboota Gadaa of keessaa qabu tokko, maanguddootaa fi dargaggoota Gaamoo dubbisuuf magaalaa Arbaa-minci bubbulee har’a deebi’e.

Kaayyoon imala kanaa tokko, maanguddoota Gaamoo yeroo dabre dargaggoota isaanii miiraan kaka’uun qabeenyaalee Oromiyaa magaalattii keessaa haleeluuf turan akka aadaatti margaa qabatanii dura-dhaabatanii dhorkan galateeffachuuf tahuu isaa dubbatan – Dr. Milkeessaan.

Hookkarrii fi ajjeechaan guyyoota kudhan dura Finfinnee fi Buraayyu keessatti raaw’atame qeerroo fi uummata Oromoos tahe dargaggootaa fi uummata Gaamoo kan bakka hin buune tahuu isaa walii-hubachiisuun, qaama kaayyoo biraaf gochaa kanatti bobba’e of irraa ittisuuf walii-galuun isaaniis himamee jira. Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG