Naannoo Beenishangul Gumuz keessatti torbanneen darban keessa walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namaa darbuu fi hedduun qe’ee irraa buqqa’uu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.
Kanneen naannoo sana keessaa baqatanii ba’uuf carraa argatan godina walggaa bahaa fi dhiyaa bakka garaagaraa qubatanii kan jiran yoo ta’u kaan immoo amma iyyuu Beenishangul naannoo Kamashii keessatti danqamanii lubbuu keenyaaf sodaataa jirraa jedhu. Bulchiinsi naannoo Benishangul immoo Yeroo ammaa haalli jiru wayyaaweera. Tasgabbiin uumamaa jira. Fooya’inatu jira. Walitti bu’iinsa uumame ilaalchisee odeeffannoo nu dhaqqabaa jiru hin jiru. Kan buq’aa jiru hin jiru. Qabeenyaan barbadaa’es hin jiru. Namoonni qe’ee ofii irraa baqatanis deebi’aa jiru. Naannoon sun amma tasgabbii qaba jedhan.
Gama biraan naannoo Beenishangul gumus keessatti shaakala waraanaa seeraan alaa fudhataa kanneen turan dargaggoonni naannoo Sanaa jiraachuu itti gaafatamaan waajjira qindeessa dhimmoota nageenya Benishangul Gumuz obbo Musaa Ahimed Raadiyoo sagalee Ameerikaaf ibsaniiru.
Obbo Musaan akka jedhanitti bakki leenjii sun kan ijaarame naannoo sana gama kibbaa fi gama kaabaa naannolee daangaa Sudaan irratti kan argamu Asoosaa ganda Gangan jedhamu laga Zaalaan jedhamu bosona keessatti ta’uu dubbatanii, manneen 100 ta’an ijaaramanii leenjiin keessatti kennamaa ture jedhan.
Mootummaanis odeeffannoo isa ga’een duula geggeesseen dargaggoota sana to’annaa jala oolchuu isaa fi leenjii sana irratti kanneen hirmaatan umuriin isaanii xiqqoo akka ta’e obbo Musaan ibsaniiru.
Meeshaan waraanaa qabamuu isaa fi leenjii sana kan fudhatan haala qindaa’eef tajaajila fayyaa guutuu argataa kan turan ta’uu leenjifamtoonni sun ibsaniiru jedhan. bakki leenjjii sun guutummaan barbadaa’uu isaas ibsaniiru.