Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keenyaan Baahir Daaritti Itoophiyaan 0-0 gargar galte taan Nayroobiitti ammoo Itoophiyaa 3-0 buufte, dorgommii AFCON 2019 ittuma jiran


AFCON 2017 Section Banner

Tapha guyyaa sadiitti biyya 44 ti taphatee goolii 64tti gale.AFCON 24essoo biyya biyya irra maranii taphachuutti jiran.Dorgommii bara 2019 tana biyya 16 keessaa filanoo Kaameruunitti qopheessa.

Biyya akkana taphatan tana keessaa 6 ammoo 3-0 wal moo’an.

Tapha Keenyaan Itoophiyaa istaadiyoomii Naayroobiitti moote kana nama kuma 60 tahutti bahee daawwatee fulaa waliin ejjan dhabanii nama haga garii irrumaan raran.

Goolii Keenyaa sadeen tana tokko Michael Olungatii keessa buuseef lammeessoo Eric Johana Omond,sadeessoo ammoo gurbii isiin EPL keessaa Totten ham keessaa yaammatte Viktor Wanyaamaatti irra buuseefii taphii 3-0 obbahe.

Itoophiyaa garee isii keessaa qabxii sadii qabdii idaa goolii hedduuttti jirra jira.

Bafana Bafanaan Afrikaa Kibbaallee tapha kaleetiin Sishelsi 6-0 caraffatte. Ugaandaa fi Cape Verde ammoo warra waliin taphatan Leseetoo fi Tanzaaniyaa 3-0 qaqaarifatan.

Nayjeeriyaalleen Liibiyaa 4-0 lafa buufte. Goolii sadii Odion Ighaloo galfate.

Naayjeriyaa waancaa Afrikaa ganna lamaan walti aanaa 2015 fi 2017 hin dabrin taan barana abdii qabdi.

Gurbaan goolii sadii galcheef kun durii kilabii Watfoordii taphataa amma ammoo kilabii Chaaynaa Changachun Yatahitti bitate.

Masriilleen tapha guyyaa dheengaddaa nama 10n taphatteen Siwaazilaandi 4-1 dhukkeessite.

Taatullee ilmii isii beekamaan Mohaammad Saalaa tapha Jimaata dabre irratti goolii tokko galcheef nafa saalaa keessa dhiitanii tapha keessaa bahe.

Itoophiyaa

Metirii 800 yoo haguma dandeettan ceetan daqiiqaa hagamitti ceetanii fixxan seetan? Atileetiin Itoophiyaa Xaasewu Yaadaa metirii 800 tana 1:49:38 atileetii Aljeeriyaa Mohaammad Aliitti itti aane sadeessoon ammoo Hamzaa Alii Hassan, atileetii Jibuutiiti.

Kubbaa miilaa nadheen addunyaa

Gareen nadheen Amerikaa tapha kalee Amerikaa godina Teksasitti taphatniin nadheen Jameeyikaa 6-0 irraa galchite.

Ardiin addunyaa cuftii gamuma gamaan waliin taphattee abbaa dabre keessaa filanii akkuma kanaan Amerikaalleen garee kubbaa miilaa ardii isii CONCACAF keessaa dabruuf taphachuutti jirti.

Akkuma kanaan Kanaadaalleen Panamaa 7-0 irraa kaaftee dorgommii waancaa kubbaa miilaatii dabarte.

Iftaan ammoo Kanadaa fi US waliin taphata. Abbaan moohame maruma maree Arjentiinaa afaan bu’ee wannii taate taati.

Waancaa kubbaa miilaa nadheen addunyaa US marroo sadii moote.Dorgommii bara dhufuu Faransaayitti qopheessaa biyya 24 dorgommii tanaa dabra

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG