Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirz., naannoo Somaalee ka durii, Abdii Mohaammad daawwitii fi balbala mana hidhaa caaccabsee 'adoo danda'ee miliquuf malate'


Former Somali Ethiopian region president Abdi Omar
Former Somali Ethiopian region president Abdi Omar

Pirezidaantiin naannoo Somaalee ka durii,obboo Abdii Mohaammad balbalaa fi daawwitii mana hidhaa caaccabse
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:43 0:00

Pirezidaantiin naannoo Somaalee kun wanjala gugurdaan himatan.Taatullee torbaan dabre keessaa eegii beellama mana hidhaatii deebiheen duubatti amala hamaamaa poolisiin wal dhabsiisu,ka mana hidhaatti deebihuu diduu fi waan heddu irratti argan jedha daarekterii darkterii daarekteroota wanjala biyyoolessa miidhuu tohatu obboo, Fiqaaduu Tseggaa yoo waan jiraa Finfinnee bilbilaan itti hime.

Tana maleellee daawwitii fi balbala mana itti hidhanii caaccabsee tun ammoo amala nama miliqee bahuu fedhuuti.Amala namii mana hidhaa jiru irratti arguu hin malle irratti argan.

“Amala shiftaa, nama seeraa jala hin jirre qabu irratti argan.Daawwitii fi balbalatii innii cabsee jedhan mana hidhaa koomishiinii poolisii Finfinnee amma isa itti hidhan.”

Akka daarekterii kun jedhutti obboo Abdiin mana hidhaa eegumsa guddaa qabu sun keessaa bahuuf malachuuyyuu hin malle.

Pirezidaantii naannoo Somaalee kana duruu kophaatti hidhan.“Obboo Abdii isumaafuu jennee gaafuma qabaniiyyuu kophaatti hidhan.Wannii isaan himatanilleen wanjala gugurdaa.Namii itti dallanee haaloo itti bahuu fa dandahaa jedhanii kophaatti hidhanii balbaluma mana itti hidhani sun caaccabse.”

Gama kaaniin obboo Abdiin pirezidaantiin naannoo Somnaalee ka durii kun yoo hedduu mirga dhabee jedhee himata obboo Tseggaayeen ammoo namii akka isaa mirga argateeyyuu jedhanii nu himatan jedha.

“Abbaan fedhe laaluu dandahaa mana isa itti hidhan.Nami hedduun isuma waan isaa tolchan nama dhibii hin tolchan. Saatii fedhanitti dhufanii dubbisanii haga fedhe waliin turan.Namii irraa hin citu.Innii maaniin nama caale jedhanii poolisii gaafataniiyyuu.Mirgii innii dhabe hinjiru.”

Akka daarekterii kun jedhutti pirezidaantiin naannoo Somaalee kun karuma dandahuun akka wannii himataniin irraa lakkisan tahuuf mana murtiillee dhugeeffachiisuusf tana tolcha.

“Kun amaluma isaatii woma irratti argine. Yoo hedduu mana akimi dhaqaa jedha kun mala miliqaniin jenneen shakkina.Mirga mana akimii dhuunfaallee akimachaa bahe.”

Obbboo Tsegaayeen adoo silaa taatee obboo Abdiin mana hidhaa cabsee bahuu fedhaa jedhanii jennaan tun gaafiiyyuu hin qabdu.Namii lafa eegu jiraachuu baannaan waan hin baaneef hin qabu jedha.

Obboo Abdii Mohaammad ammoo 'mana hidhaatii bahuuf hin yaalle' jedhe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG